header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Gaazexeessitoonni masjiidota magaalaa Istee keessatti gubaman ilaaluuf deeman akka hin daaw’anne dhorkaman

Gaazexeessitoonni fi ogeeyyonni  TV Zaawiyaa, masjiidota  Alhda dabre naannoo Amaaraa kibba Gondar keessatti hordoftoota Amantaa birootiin gubaman ilaalchisee gabaasa hojjatuuf gara magaalaa Istee kan imalan yoo tahu, qaamonni tika nageenya naannichaa fi hoggantooni mootummaa gaazexeessitoonni iddoo masjiidonni irraa gubaman akka hin daaw’anne kan dhoorkaman tahuu gabaafame.

 

Hoggantooni mootummaa fi qaamoleen nageenya har’a ganama irraa kaasee sababa adda addaa dhiheessuun, akka waraabbii tokkollee hin geggeessine dhorkuu Odeeyfannoon ni addeessa.

 

Mootummaan naannichaa yakka hojjatame kana ilaalchisee hanga guyyaa hardhaatti ibsa kan hin baasin yoo tahu, akkasumas qaamota gocha kana raawwatan to’annaa jala oolchuuf tattaafii tokkollee godhuu dhabuun  hawaasa muslimaa dallansiisee jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button