header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Gamtaan Afrikaa wal gahii ariifachiisaa har’a geggeesseen Suudaan miseensummaa gamtichaa irraa uggure

Manni marii nageenyaa Gamtaa Afrikaa ibsa baaseen akka jedhetti, hoggantoonni waraana Suudaan taayitaa humnaan qabatan hanga mootummaa ce’umsaa siviilotaan hogganamutti dabarsanii kennanitti, uggurri biyyattii irra kaa’yame kan hin kaafamne tahuu beeksise.

Odeeyfannoo wal qabateen muummichi ministeera Ityoophiyaa Dr. Abiy Ahmad hoggantoota mana marii waraana Suudaan fi gamtaa mormitoota jidduu jaarsummaa taa’uuf kan yaalaa jiru tahuu ibsame. Haaluma kanaan Dr Abiy dhiheenyatti gara Khaartuum kan imalu tahuu Royters eeruun ejensiin Odeeyfannoo Shahaab gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button