Categories: Awrooppaa Odeeyfannoo

Gamtaan Awrooppaa Briteen gamtichaa keessaa akka baatuuf yeroo kaahee ture dheeresse

Gamtaan Awrooppaa kanaan dura Briteen hamma October 30,  2019tti mirgaa fi faayidaa isii kabajsiifattee guututti gamticha keessaa  akka baatu yeroo kan kaahe yoo tahu, paarlaamaan Briteen dhimma Gamtaa Awrooppaa keessaa bahuu irratti  walii galtee dhabuun,  biyyattiin danqaa siyaasaa fi kufaatii diinagdee keessa seenuu malti sodaan jedhu kan hammaataa dhufe tahuu ni beekama.

Kanuma hordofuun torbee dabre muummichi ministeera Briteen Boris Johnson guyyaan xumuraa  Briteeniif kenname akka dheeratuuf,  xalayaa Gamtaa Awrooppaatii barreessen  kan gaafate tahuu gabaasuun keenna ni yaadatama.

Haaluma kanaan Gamtaan Awrooppaa guyyaa xumua Briteen gamticha keessaa baatu gara January 31, 2020tti achi kan dabarse tahuu beeksise. Prezidaantiin Mana Maree Gamtaa Awrooppaa Donald Tusk “murtiin yeroo dheeressuu kun Briteen yeroo gahaa argattee akka murtee irra geettuuf ni gargaara” jedhe.

Leave a Comment

Recent Posts

  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan “Jawaar Muhammad fi warri isa waliin ture hoggantoota mootummaa ajjeesuuf yaada qaban” jechuun yakke

Poolisiin Federaalaa ibsa galgala har’aa baaseen, Awwaalcha Artist Haacaaluu Hundeessaan wal qabatee yaalii ajjeechaa hoggantoota…

2 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Mormii Godinaalee Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiruun walqabatee namoonni 50 ol ajjeefamuu gabaafame

Ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatame hordofuun magaalota Oromiyaa heddu keessatti mormiin ka’e har’as kan…

2 days ago
  • Breaking
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan Itoophiyaa Obbo Jawaar Muhammad dabalatee namoonni 35 to’atamuu ibse

Komishiniin poolisii Federaalaa fi Naannoo Oromiyaa ibsa waloon miidiyaa biyya keessaatiifi kennaniin, Obbo Jawaar Muhammad…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Adaamaatti  Namoonni 5 ajjeefamuu gabaafame

Ajjeefamuu artist Haacaaluu Hundeessaa hordofuun godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti mormiin hammatee jira, haaluma kanaan mormii…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Obbo Jawar Muhammad fi Obbo Baqqalaa Garbaa hidhamuu gabaafame

Miidiyaan OMN Waajjira Ameerikaa irraa akka gabaasetti, Obbo Jawaar Muhammad fi Obbo Baqalaa Garbaa dabalatee…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Artist Haacaaluu Hundeessaa Ajjeefame

Artist Haacaaluu Hundeessaa galgala harraa magaalaa Finfinnee naannoo Galaaniitti rasaasaan dhahame kan ajjeefame tahuu gabaafame.…

4 days ago