header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Gamtaan Awrooppaa ijaarsa daandii Ityoophiyaa fi Eertiraa wal qunnamsiisuutiif Yuuroo miiliyoona 20 kan kennu tahuu beeksise

Gamtaa Awrooppaatti Komishiinarri Tumsa Idil Addunyaa fi Misoomaa Neven Mimika Ityoophiyaa fi Ertiraa kan daaw’ata jiru yoo tahu, gamtaan Awrooppaa maallaqa ijaarsa daandii Ityoophiyaa fi Eertiraa wal qunnamsiisuuf oolu, Yuuroo miiliyoona 20 kan kennu tahuu beeksise. Deeggarsi kun marsaa jalqabaa akka ta’eefi, marsaan itti aanus kan itti fufu ta’uu ibse

 

Komishinarichi daaw’annaa Ityoophiyaa keessatti geggeesse kanaan muummicha ministeeraa dabalatee qondaaltota mootummaa heddu waliin kan mari’ate yoo ta’u, har’a ammoo prezdaantii  Eertiraa Isaayyaas Afawarqii waliin mari’achuuf gara Asmaraa imalee jira. Mr Neven Mimika preezdaant Isaayyaas waliin hariiroo Eertiraa fi Gamtaa Awrooppaa fooyyessuu irratti kan mari’atu tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa. Komishiinarichi Finfinnee keessatti ibsa kenneen, Gamtichi Eertiraan jijjiirrama diinagdee, siyaasaa fi mirga namoomaa irratti akka fiddu ni tumsa jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button