Gamtaan Awrooppaa  jijjiirama Ityoophiyaa keessatti mul’dhataa jiru kan deeggaru ta’uu beeksise

Manni Marii Gamtaa Awrooppaa akka jedhetti, bulchiinsi Dr Abiy Ahmad jijjiiramoota siyaasaa fi diinagdee Ityoophiyaa keessatti fiduuf tarkaanfiin fudhataa jiru naannichatti fakkeenyummaan kan eeramu tahuu ibse. Ityoophiyaan sirna paartii hedduu, ijaarsa sirna dimokiraasii, mirga namoomaa, olaantummaa seeraa fi wal qixxummaa koorniyaatiif xiyyeeffaannoo kennuu isii gamtichi kan dinqisiifatu tahuu beeksise.
Dabalataanis mirga namoomaa fi dimokiraasii, mirga odeeyfannoo argachuu fi bilisummaan yaada ofii ibsachuu irratti jijjiiramni mul’ataa jiru akka itti fufu Gamtaan Awrooppaa biyyattiidhaaf deeggarsa kan godhu ta’uu ibse.

 

Comments
Loading...