header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Gamtaan Biyyoota Arabaa labsii Traamp Alquds ilaalchisee baase faayidaa dhabsiisuuf sochii jalqabe

Gamtaa Biyyoota Arabaa irraa Ministeeronni haajaa alaa biyoota jahaa “Biyyoonni addunyaa Bulchiinsa Falasxiiniif magaalaa guddoo isii Alquds/Jerusalem waliin beekkamtii” akka kennaniif waamicha dabarsan. Gamtaan biyyoota Arabaa Alqudsi ilaalchisee December 9 walgahii ariifachiisaa yaamee tureen labsii Donaald Traamp balaalefachuun isaa ni yaadatama.

Walgahii san irratti Koreen dhimma kana hordofu ministeerota haajaa alaa biyyoota jahaa, Urduun, Sa’udii, Masri, Emreets, Morokoo fi Falasxiin irraa hundeeffame. Haaluma kanaan koreen kun Sabtii hardhaa Urduun magaalaa Ammaan keessatti walgahii adeemsisaniin, dhiheenyatti Kora waliigalaa yaamuudhaaf haalduree barbaachisan mijeessuuf marii jalqabaniiru.
Ministeerri haajaa alaa Urduun Ayiman Safadi akka jedhetti , Koreen Gamtaa biyyoota Arabaa irraa hundaaye kun labsii Traamp bu’a dhabsiisuudhaaf karoora baase keessaa tokko, daangaa bara 1967dura ture irratti hundaa’uun, dhaabbanni mootummota gamtoomanii Bulchiinsa Falasxiin Magaalaa guddoo isaa Alquds waliin beekkamtii guutuu akka kennuuf wixinee labsii kan qopheessaa jiru tahuu hime.

Karoora kana walgahii waliigalaa gamtichaa xumura ji’a kanaa gaggeeffamu irratti kan dhiyeessan tahuu gabaasni Aljaziira ni ibsa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button