header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Gamtaan Biyyoota Islaamaa Al-QUDSI magaalaa guddoo Falasxiin jechuun labse.



Gamtaan Biyyoota Islaamaa dhimma Al-Qudsi ilaalchisee walgahii Ariifachiisaa magaalaa Istaanbul keessatti geggeessaa jiruun “Al-Qudsi magaalaa guddoo Falasxiin” jechuun mormii tokko malee labse.

Walgahii kana irratti Sa’udii fi biyyoonni Arabaa michuu isii tahan dipilomaatota sadarkaa gad aanaatiin waan hirmaataniif, walii galteen akkana cimaa ta’e irra hin gayan yaadni jedhu akka tureefi, haata’u malee biyyoonni miseensa gamtichaa waldhabdee isaan jidduu jiru moggatti dhiisuudhaan, dhimma Al-Qudsi irratti waliigaltee akkanaa irra gahuun isaanii labsii Traamp fudhatama kan dhabsiisu akka tahe gabaafameera.
Wixinee labsii kanaan biyyoonni idil-addunyaatis Magaalaan Al-Qudsi magaalaa guddoo Falasxiin tahuu beekkamtii akka kennaniif waamicha kan dabarse akka tahee fi labsii Donaald Traamp haala cimaa ta’een balaaleffateera. 
Gamtaan biyyoota Islaamaa (OIC) biyyoota 57 miseensummaan kan hammate tahuun ni beekkama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button