header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Gamtaan biyyoota Islaamaa dhimma dachii Falasxiin ilaalchisee kora ariifachisaa geggeessuuf tahuu gabaafame

Muummichi ministeera Israa’il Benjaamiin Netiniyaahuu Filaannoo biyyaatti “September 17,2019 geggeeffamu irratti, irra deebiin kan filatamu yoo ta’e, dachii Falasxiin humnaan kutuuf waadaa galla” jedhe. Gamtaan biyyoota Islaamaa ibsa Benjaamiin kana hordofuun dhiheenyatti wal gahii ariifachisaa kan geggeessu tahuu ibse.

Bareessaan waliigalaa gamtichaa Yuusuf Bin Useymiin karoora muummichi ministeera Israa’il Benjaamiin Netiniyaahu hojirra oolchuuf dhaadate; cimsee kan balaaleeffatu tahuu ibse. Itti dabaluunis “labsiin badaan akkasii kun jeequmsa hamaa kasa” jedhe.

Mr Yuusuf walgahii kana irrattiis, karoora badaa Israa’il qabdu kana dura dhaabbatuuf tarkaanfii seeraa fi siyaasaa fudhachuu qaban irratti kan marihatan tahuu kaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button