header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Gamtaan waraana Araabaa fi Mootummaan Yaman magaalaa Hudeeydaa keessaatti Finciltoota Huusii irratti duula bal’aa jalqaban

Finciltoonni Huusii magaalaa Hudeeydaa tan buufata doonii qabdu lakkisanii akka bahaniif guyyaan isaanii kenname dabruu hordofuun, waraanni gamtaa biyyoota Arabaa Sa’udii fi Emreetiin hoogganamu, human lafoo mootummaa Yaman waliin tahuun Arba’aa har’aa haleellaa cimaa jalqaban. Gamtaan waraana Arabaa haleellaa hanga ammaa qilleensaa fi galaana irraa raawwateen Kaampiin finciltoota Huusii tokko kan barbadaa’e tahuu gabaasni arganne ni ibsa. Guutuu magaalattii keessattis haleellaan cimaan kan geggeeffamaa jiru tahuu gabaasni Aljaziiraa irraa arganne ni mul’isa.

Mootummaan Yaman kan biyya irraa godaanee Sa’udii keessa jiru duula kana ilaalchisee ibsa baaseen “Finciltoonni Huusii karaa nagayaatiin magaalaa Hudeeydaa gad lakkisanii akka bayaniif carraaqqiin godhame wanta hin milkaayiniif, duulli magaalattii bilisoomsuu jalqabamee jira”jedhe. Mootummaan Prezedaant Abdurabuu Mansuur ibsa isaa kanaan “buufata magaalaa Hudeeydaa too’achuun guutuu Yaman harka finciltoota Husii fi Iiraan irraa bilisa baasuudhaaf barbaachisaa tahuu”hime.

Yeroo ammaa loltoonni mootummaa Yaman waraanaa lafootiin magaalatti gama Kibbaa kan too’atan tahuu miidiyaaleen Sa’udii fi Emreets ibsaa jiru.

UN duula kana ilaalchisee ibsa baaseen, “magaalaa Hudeeydaa fi naannawa isii namoonni 600,000 ol kan jiraatan yoo tahu, duula ammaa Kanaan namoonni 250,000 tahan lubbuu fi qabeenya isaanii dhabuu malu”jechuun akeekkachiise.

Hudeeydaan magaalaa guddoo Yaman Sana’aa irraa gara Kibba-Lixaatti Kilomeetra 150 fagaattee qarqara Galaana diimaa irraatti argamti. Lola waggaa sadihii oliif Yaman keessatti geggeeffamaa jiruun  lammiilee biyyattii dhibee fi beelaaf saaxilaman kanneen miiliyoona torba tahaniif gargaarsi guutuu addunyaa irraa buufata doonii Hudeeydaatiin seenaa ture. Lola bara 2015 jalqabame kanaan lammiileen Yaman miiliyoona 2 tahan  qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa kan buqa’an yoo tahu, namoonni 10,000 ol ammoo ajjeefamanii jiru.

Hudeida

.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button