Garaa Garummaa Uumamaa

Dhugaa Uumamaa Kutaa 4ffaa

kitaabni Dikshinarii ykn hiikkaa jechootaa, kan jechoota kuma 20 qabu isinitti kennamee, jecha kitaaba san irra hin jirre takka akka itti dabaltniif Osoo gaafatamtanii, Jecha haarawa itti dabaluun dura jalqaba maal gochuu qabdan? …. Jalqaba jechoota kitaabicha irra jiran kuma 20nuu qomatti galfachuu qabdan. Sababni isaa, osoo jechoota kitaaba irra jiran cufa isaanii hin beekin, jecha kamtu achi keessaa hir’atee jira kan jedhu beekuun hin danda’amu.

Yookaan ammoo bakka kitaaba jechoota kuma 20, kitaabni jechoota biiliyana 7 qabu isinitti kennamee, guyyaa tokkotti ammoo jechoota kuma dhibba sadihii fi shantama akka itti dabaltan osoo gaafatamtanii, dhuguma itti dabaluu dandeettanii? …Abadan hin dandeettan?… Wantoota akka Kompiyuutaraa osoo hin fayyadamiin, dalagaa jechoota haarawa dabaluu tana xumuruudhaaf, namoota hagam nu barbaachisa laata? Namoota kanniinitti kitaabban miiliyanaan lakkaawamu itti kennamee, jechoota haarawa guyya guyyaan akka itti dabalan osoo gaafatamanii hoo? Guyya guyyaan jechoota kuma dhibbaan lakkaawamu itti dabalutu isaan irraa eeggama. Kitaaba tokko irratti jechoota kumaan lakkaawamu, kan biraa irrattis akkasuma jechoota kumaan lakaawaman eda’uu qaban. Jechi kitaaba tokkorra jiru ammoo kan isa biraatiin wal fakkaatuu hin qabu. Dhuguma dalagaa tana namni hojjachuu danda’u jiraa laata?… Osoo dalagaan tunuu fiixa baatee, guyya guyyan jechoonni kumaatamaan laakkawaman haarofni kitaabban kanniinitti dabalaman kunniin,  akka tasaa uumaman jechuu dandeenyaa?… Abadan akka tasaa argame jechuun waan hin danda’amne.

Haaluma walfakkaatuun ilmi namaa akkuma kitaaba kanaa jira. Namoota dachii kanarra jiran cufa isaaniituu  jechoota kitaaba irra jiraniin osoo wal fakkeessinee, Kitaabni lafa jedhamu kun jechoota biiliyana 7 ofirraa qaba. Namni dachii tanarra jiru kun ammoo hundi isaatuu amalaa fi bifa mataa isaa qaba. Guyya guyyaan jechoonni ykn ammoo namoota kuma dhibba 3 fi 50 ta’utu kitaaba lafa jedhamu kanarratti ida’ama. Guyyaa hunda daa’imman haga kuma dhibba 3 fi 50tu dhalata. Daa’imman kuma dhibba 3 fi 50 kunniin hundi isaaniituu wal hin fakkaatan. Akkasumas nama amma  dura uumames hin fakkaatan. Daa’imman haarofni bifaa fi amalaanis garagaraa kunniin, guyyaa Rabbiin uume cufayyuu akka tasaa argaman jechuu dandeenyaa?

Saayintistoonni addunyaa kanarra uumamni miiliyanaa ol akka jiru bira gahanii jiru. Qurxummii, Simbira, ilillii, Muka, raammolee, bineensota… fi uumamaalee sanyii garagaraa qaban kan lakkoofsaan bira gahu hin dandeenyetu jira. Kanaaf wantoota dachii irra jiran kanniin ammas Kitaabaan osoo wal fakkeessinee, Kitaaba Miiliyanaan lakaawamutu dachii tanarra jira. Kitaaba ilma namaa, Kitaaba Leencaa, Kitaaba, Biqiltootaa… haala kanaan Kitaaba Miiliyanaan lakkaawamutu jira. Mee kitaaba kana keessaa, Kitaaba Tiisisaa haa ilaallu.

Baay’inni lakkoofsa Ilbisootaa yeroo takkaan uumamuu, lakkoofsa ilma namaa gaafa Nabiyyallaah Aadam dhalate irraa kaasee hanga har’aa jiru ni caala. Hubadhaa, Tiisisa waqtii takka uumamutu ilma namaa kana cufa caala. Baay’ina jechootaa kitaaba Tiisisaa kanarra jiruu hagam akka ta’uu danda’u tilmaamtuu laata? Kitaaba kana keessatti jechi takkalleen kan biraa hin fakkaatu. Yookaan Tiisisni tokko kan  biraa hin fakkaatu. Tiisisa lakkoofsaan ibsuun nu dhibu kunniin, ofuma isaaniitii qaama isaaniif ta’u filatan, ykn ammoo amala mataa ofii ofumaaf ofii kennan jechuu dandeenyaa laata? Dhuguma wanti akkanaa ni jiraataa? Abadan hin jiraatu

Mee Snowflake ykn ammoo hurrii samiirraa bu’u kanas haa ilaallu. Baay’ina isaanii hagana jennee himuu hin dandeenyu.  Hurriin akka waraqaatitti ciccitaa harca’u kun hundi isaatuu boca mataa isaa qaba. Inni tokkolleen wal hin fakkatu. Mee eenyumatu garaagarummaa akkanaa kana uumuu danda’a laataa? Sanuu wantoota qeensa qubaa hin geenye kanniin eenyumatu boca garagaraa kan lakkoofsa hin qabneen uume laataa?

Amma ammoo gara ilma namaatitti deebinee, waa’ee namaa haa ilaallu. Mee hundi keenyaa fuula ilmaan namaa kana haa xiinxallinu. Waa’ee sammuu ilma namaa kan xaxamaa ta’ee dhiifnee, baay’inuma fuula ilma namaa dachii kanarra jiruu haa ilaallu. Carraalee biiliyoonaan lakkaawaman keessaa isa nama hunda gammachiisu mijaawaa fi bareedaa ta’e filachuun ilma namaatiif rakkisaa dha. Hundi isaatuu bareedina mataa isaa qaba. Wantootni fuula namootaa kanniinii irra jiru ammoo wal fakkaataadha. Hunduu gogaa qaba, hunduu ija lama lama qaba. Funyaan, ilkaanii fi gurri akkasumas rifeensis hunduma irra jira. Eega isa kanatu hunda caala bareeda jennee murteeessuun kan nu dhibuu, daa’ima ji’a lamaa kan garaa keessa jiru fuulli isaa akkana ta’uu qaba jenne murteessuu dandeenyaa?

Fuula nama tokko Dizaayin erga gooneen booda, meeshuma wal fakkaataa fayyadamnee fuula biraa kaasuun akkaan ulfaata. Haala kanaan fuula biiliyana dachii irra jiru kana ilaalaa. Mee eenyumatu namoota biiliyanaan laakkawaman kanniiniif fuula garagaraa uumuu danda’aa? Akkasumas fuula hanga har’aa dachii tanarra jiru dhiisnee, kan dabalataa fuula biraa kaasuu dandeenyaa? Dabalataan guyya guyyaan daa’ima kuma dhibba 3 fi 50 tu dhalata. Kanniiniif hoo guyya guyyaan fuula garagaraa kaasuu dandeenyaa?

Fuulli ilma namaa fakkii haala salphaan kaafamuu miti. Orgaaniin fuula namaa irra jiru cufti isaatuu dalagaa mataa isaa qaba. Bocuma fuula namaatuu dhiisnee, amaloota fuula ilma namaa irratti uumaman hoo kaasuu dandeenyaa? Fakkeenyaaf seequu, cinqii, sodaa, kofla, fi heddu isaanii kaasuu dandeenyaa? Akka fuula ilma namaa kaasuutitti amaloota kanniin hoo kaasuun danda’amaa? Bishaan galaanaa guutuu burcuqqoon takka hin qabattu. Akkasumas fuula namaa hunda irratti amaloota garagaraa kana kaahuunis rakkisaa dha. Fuulli Mu’iminaa ifaa dha, kan munaafiqaa ammoo dukkanaawaa dha.

Dalagaa Islaamummaa keessatti jibbamaa fii dhoorgaa ta’e tokko osoo akka fakkeenyaatti laallee, Nama siidaa bocu tokkoof fakkii takka uumuudhaaf waggaa heddu itti fudhata. Faallaa kanaan sakandii takka keessatti fuulli afur, akkasumas guyyaa takka keessatti fuulli kuma dhibba 3 fi 50tu haala salphaan uumama. Hundi isaatuu fuula mataa isaa qaba. Ijoollee lakkuu dhalatan yoo arginu ajaa’iba nutti ta’a. mee isa kamtu ulfaata; Fuula wal fakkaataa lama uumuudha moo, fuula garagaraa miiliyanaan lakkaawamu uumutu ulfaataa? Inni duraa maaf nu ajaa’ibsiisee, inni lammataa ammoo nu ajaa’ibsiisuu dhabee? Uumaan fuula ajaa’ibaa kanniinii eenyu? Eenyutu uumama ajaa’ibaa kana copha xiqqoo irraa uumee, amala garagaraatiin bareechee? Eenyutu fuula nama tokkoo irratti amaloota heddu uumee? Ilma namaa dachii tanarra jiru hundaaf eenyutu fuula garagaraa kennee? Eenyutu Qaamman fuula irra jiran kan akka ijaa fi gurraa, haala ajaa’ibaatiin akka hojjatan taasisee? Eenyutu ijji akka ilaaltuu, funyaan akka fuunfatu, arrabni akka dhandhamu, gurri ammoo akka dhaggeeffatu taasise. Gaafilee kanniin cufaa deebii tokko qofatu jira. Deebiin isaatii Allaah kan jedhu taha. Inni Musawwir ykn kan boca kennu.

هُوَ ٱللَّهُ ٱلۡخَٰلِقُ ٱلۡبَارِئُ ٱلۡمُصَوِّرُۖ لَهُ ٱلۡأَسۡمَآءُ ٱلۡحُسۡنَىٰۚ يُسَبِّحُ لَهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ وَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ ٢٤

Inni Rabbii Uumaa waa hundaati, Argamsiisaa, Bocaa ta’ee dha. Isaaf maqoolee gaggaarii ta’antu jira. Wantootni Samii fi dachii keessaa isa qulqulleessu. Inni injifataa Ogeessa.

Akkuma fuula ilma namaa wantootni dachii irra jiran, roobni, cabbiin, ililliin, ashaaraan qubaa, ijji. Ilbiisonni dachii keessaa, urjiileen samii keessaa, wantootni hawaa keessaa, hundi isaanii boca garagaraa akka qabatan godhamanii Rabbiin uumaman. Wantootani dachii kanarra jiranii fi bocni garagaraa isaan qaban hundi isaatuu Rabbiin isaan uume akka jiru ragaa bahan. Akkuma arginutti, wantootni garagaraa dachii kanarra jiran hundi isaaniituu, gooftaan akka jiruu fi innis tokko qofa akka ta’e mul’isan. Beekumsi isaa daangaa hin qabu. Humni isaatis hagana jedhamee hin murteeffamu.

Comments
Loading...