header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Gareen Abukaatoo Obbo Jawaar Muhaammad, Jawaariin akka hin dubbisne dhoorkamuu beeksise

Gareen abukaatoo namoota jaha qabu Jawaar Muhaammad dubbisuuf har’atti beellamni qabamuufii kan ture tahus, haaluma kanaan garaa mana hidhaa yeroo deemanitti Jawaar dubbisuu akka dhorkaman himan.
Abukaatoowwan kanneen keessaa tokko kan ta’e Dr Tokkummaa Dhaabaa OMN’tti akka himetti, Jimaata darbes Jawaar dubbisuuf wayita dhaqanitti dhorkamuun har’atti beellamni qabameefi akka ture ibse. Haa ta’u malee guyyaa har’aas Jawaariin dubbisuu nu dhoorkan jechuun hime.
Dr. Tokkummaan akka himetti, Kibxata har’aa naannoo sa’aatii 8 wayita dhaqan manni hidhaa humna jabaan marfamee eegamaa akka tureefi, ‘yeroo muraasaaf hin galchinaa nuun jedhaniiru, deemaa isin galchuu hin dandeenyu’ jedhanii gara Mooratti siquuyyuu nu dhoorkan jechuun beeksise.
Obbo Jawaarii fi Obbo Baqqalaan Kamisa darbeabokaatota malee mana murtiitti kan dhiyaatan tahuus ibsame.
Odeeyfannoo walqabateen Poolisiin Federaalaa guyyaa kaleessaa Jawaar Muhammad gara mana jireenya isaa fiduun, mana isaa akka sakkata’aniifi Kompiyutarootaa isaa fuudhanii akka deeman maatii Jawaar dubbisuun BBC’n gabaase.

7 Comments

  1. jawar kan oromiyaa keesaa dirree lolisaa tasisee jawari siyasa ummata burjajesaara iraa caala soban dhugaa hama qaba

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button