header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Gareen haleellaa Masjidoota Magaalaa Mooxaa Qoratuuf garasitti imale, qorannoo geggeessaa ture Xumuree deebi’uun gabaafame

Haleellaa Masjidootaa fi saamicha hawaasa Muslimaa naannoo Amaaraa baha Goojjaam magaalaa Mooxaatti torbaan dabre keessa raawwatame qoratuuf Koreen miseensota 4 qabu kan majlisa Federaalaa irraa hundeeffame garasitti imale ture.

Gareen kun iddoo Masjidoonni irraa gubaman daawwatuun, akkasumas miidhamtoota fi hoggantoota naannichaa dhimmichi ilaallatu dubbisuun kan deebi’e yoo tahu, qorannoo taasiseen jiraattota magaalichaa dubbisuun, hameenya gocha raawwatamee fi akkamitti akka qindeeffame, akkasuma Bataskaana Giyoorgis kan gubate jedhamees daawwatee jira.

Akkasuma Koreen kun qondaaltota naannichaa waliin kan mari’atan hoggaa tahu, waantoota daawwannaa isaanii irratti arganii fi gaaffii qabxii 5 qabu kan Majlisni Federaalaa ibsa ijjannoo Muddee 15,2012 baase irratti qondaaltoota naannichaaf dhiheesse ture, barreeffaman hoggantoota naannichaa waliin mari’aatan kanaaf dhiheessan.

Haleellaa fi gochi sukkanneessaan Masjidootaa fi hawaasa Muslimaa irratti raawwatame kan itti yaadamee qindeeffame tahuu, qamooleen waan kana raawwatan hatattamaan seera jala akka oolfaman miidhaa gaheefis beenyaan akka kaaffalamuu qabu, mootummaan naannichaa nageenya ummataaf xiyyeeffannaa kennee akka hojjatuu qabu, gocha seeraa alaa Muslimoota irratti finxaleeyyiin Ortodoksii kun raawwataa jiran akka dhabsiisuu qabu kan gaafatan tahuus ibsame.

Hoggantoonni naannichaa kunis gaaffiiwwan koreen kun dhiheesseef, walgahii hoggansaa kibxata boruu geggeeffamu irratti kennuuf baallamuun marii isaanii kan goolaban tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Manni Marii Dhimmoota Islaamaa Federaala Itoophiyaa ibsa ijjannoo muddee 15,2012 dhimmicha ilaalchisee baase irratti, mootummaan naannichaa hanga muddee 22,2012 deebisaa qubsaa akka keennu akeekkachisuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button