header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Godina Arsii Magaalaa Baleetti barattoonni Muslimaa Sababa uffannaa dararamaa jiran

Aanaa Balee Gasgar magaalaa Baleetti barattoonni shamarranii mana barumsa sadarkaa 2ffaa sababa Jilbaabaatiif dararama jiraatuu himan. Tarkaanfiin barattoota dubartii irratti fudhatamu kun fuulbaana dabre irraa kan jalqabe tahuu fi barattoonni qaama dhimmi ilaallatu gara garaatti iyyaannoo dhiheeffatanis furmaata argachuu hin dandeenye jedhan. 
Ammatti immoo Jilbaaba osoo hin taane rifeensa haguuggatanii akka hin baranne kan dhoorkaman tahuunis gabaafame.

Qaamoleen barattoota dararan kunneen Dayrektera mana barumsichaa fi barsiisota tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Haaluma walfakkaatuun torbaan dabre, aanaalee godina Jimmaa gara garaatti tarkaanfiin walfakkaatu barattoota muslimaa irratti fudhatame ture, haa ta’u malee dhibbaa hawaasni muslimaa naannichaa fi bakka bu’oonni hawaasa muslimaa taasisani hordofuun tarkaanfii kana dhabsiisuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button