header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Godina Harargee Lixaa Aanota lama keessatti haleellaa ummata nagayaa irratti raawwatameen lubbuun namoota hedduu dabre.


Godina Harargee Lixaa  Aanaalee Hawwii Guddinaa fi Daaroo labuu  gandoota adda addaa keessatti hidhattoonni naannoo Somaalee weerara bal’aa raawaataa jiraniin lubbuu namoota 30 ol  galaafatan. Namoonni heddu ammoo akka miidhamanii fi Araddaa Ta’oo jedhamu qofa keessatti Manneen jireenyaa 80 ol ibiddan gubamuu odeeyfannoon argame ni addeessa.
 Jiraattuun naannawa sanii bilbilaan dubbisne akka nuuf himtetti, “Kaleessa dhukaasni ganda keessatti nu irratti banamee ijjoolee kiyya mara qabadhee amma gara magaalaa Machaaraatti baqadhe jira, manni hedduun nu irraa barbadaa’ee jira; wan hedduu rifadhee lubbuu kiyya fi kan ijoolee kiyyaa bararuuf figaa tureef, sagaalee Rasaasaa dhukaasamaa ture dhaga’uun alatti qaamni kam akka raawwate wanti ani beeku hin jiru” jeette.
Ajjeechaan ummata nagahaa irratti raawwatame kun halakan edaatis kan itti fufe tahuu gabaasni Televiziyoona OBN irraa argame ni mul’isa. Bulchaan Godina harargee Lixaa obbo Taklee Dheeressaa gaaffii deebii OBNiif keenneen, ka’umsi walitti bu’iinsaa gargaarsa lammiilee Oromoo naannoo somaalee irraa buqqa’aniif geeffamaa ture, hidhattoonni naannoo Somaalee Saamuuf yemmuu yaalin akka ta’e ibse.
Obbo Taklee dheeressaa akka jedhetti walitti bu’iinsa uumameen nannoo Oromiyaa irraa namoota 29  naannoo Somaalee irraa ammoo lubbuun namoota 26 dabree jira. Aaanaalee lamaan keessatti manni lammiilee oromoo gubate 363 akka ta’e beeksise.
Hidhattoonni naanoo Somaalee ammas gandoota aanaalee lamaanii heddu irratti haleellaan raawwataa jiran ammas bal’inaan kan itti fufan tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button