header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Guinea Fowl

Allaattiin kun allaattiiwwan gurguddaa jedhaman keessaa isa tokko yoo ta’u, allaattiiwwan Turkey fi Pheasant jedhamaniin wal fakkaata. Guinea Fowl allaattiin imala dheeraa barrisuu hin dandeenye keessatti ramadama. Kun ammoo diinota hedduun akka adamsamu isa saaxileera.

Guinea Fowl sanyiiwwan garagaraa haga kudhanii qaba. Hundi isaaniituu amalaa fi boca yookaan dizaayinii garagaraa qabu. Gogaan Guinea Fowl baallii bifa hedduutiin uwwifamaadha. Magaala, daalacha, keelloo, diimaa, gurraachaa yoo ta’u  tuqaalee adii of keessaa qaba. Mataa fi mormi isaa bifa gara cuquliisaa, diimaa fi magaalaa dhihaatu qaba. Mataa gubbaa ammoo guuttiyyee gurraacha qaba. Avreejiidhaan Allaattiin kun giraama 700 hanga kilograama 1.6 ulfaata. Dheerinni isaatis seentimeetira 40 hanga 71 ta’a. Allaattiin kun qaama guddaa kan qabu yoo ta’u, mormaa fi mataa irraa baallii hin qabu. Koolli isaa akkaan guddaadha. Yoo diriirfame meetira 1.6 hanga meetira 1.8 ni ta’a.

Guinea Fowl allaattii gamtaadhaan qubsuma ijaaree jiraatuudha. Gurmuu haalaan qindaayaa ta’een guyya guyyaa olii-gad socho’aa lafa qoqqotaa soorata barbaaddatu. Keessumattuu yeroo ganamaa fi galgalaa wayta aduun hedduu nama hin miinetti socho’aa risqii barbaaddata. Bakka rakkoo ta’etti yeroo guyyaatis ni argama. Halkan halkan ammoo muka gubbaa bahuun rafu. Hoomaan yeroo hunda walitti dhihaatee waliin deema. Yeroo tokko tokkos sarara tokko qofarratti wal duukaa yaa’u. Miseensonni hoomaa tokkoo sagalee adda addaa dhageeysisuudhaan walii galu. Miseensonni qubsuma tokkoo haalaan wal kabaju. Haa ta’u malee tibba wal hormaataarratti walitti bu’iinsi kormaa jiddutti ka’u dhiiga jigsisiisuu danda’a. kormaaleen qaama of bokossaa guddaa of fakkeessaatiin wal sossodaachisu. Yeroo garii ammoo walitti fiigaa wal miidhu.  Guinea Fowl uumama koola guddaa fi jabaa qabu ta’us yeroo hedduu hin barrisu. Sababa kanaaf jecha allaattii biyyarraa biyyatti godaanus miti. Hedduminaan bakkuma tokko jiraata. Bakka rakkoon guddaan isa mudatetti allaattiin kun koola isaa guddaa san fayyadamee fageenya gabaabaa barrisuun rakkoo jalaa miliquu yaala.

Guinea Fowl hedduminaan biyyoota Afriikaa Sahaaraa gadii keessatti argama. Dachii saavaanaa fi gammoojjii Afriikaa marga qabu keessa jiraata. Yeroo tokko tokkos naannawa magaalaatti ni argama. Allaattin kun hedduminaan Afriikaa keessatti kan argamu yoo ta’u, sanyii tokkichaan ala warri jiran lakkoofsi isaanii haala gaarii irratti argama. Sanyii white-Breasted Guinea Fowl jedhamu qofatu lakkoofsi isaa xiqqaachuurratti argama. Guinea Fowl haala qilleensa garagaraa keessa jiraatuu danda’a. Akkasumas bakka rakkoo ta’etti haala qilleensa haarawaanis wal baratee jiraatuu danda’a. ilmi namaa foon allaattii kanaatti hedduus hin haajamu. Inumaa diina allaattii kanaa ajjeesuudhaan allaattii kana gargaaruu irratti argama. Sababa kanaa fi kanneen birootiin allaattiin kun haala gaarii irratti argamuu danda’e.

Guinea Fowl uumama soorata gosa lachuu sooratuudha. Jirma, hiddaa fi firiiwwan mukaa irraa kaasee repitaayiloota, ilbiisotaa fi hoosiftoota xixiqqoo akka hantuutaatis ni soorata. Gama biraatiin allaattiin kun bineensota hedduuf soorata quubsaadha. Naacha, bofa, qeerransa, fi sanyiiwwan adurree kanneen birootis allaattii kana adamsuudhaan sooratu. Magaalaa keessatti ammoo wanti lukkuu manaa nyaatu hundi allaattii kana hin dhiisu. Allaattiin kun waan diina jalaa ittiin of ittisu hedduu hin qabu. Malli inni qabu tokkichi fageenya gabaabaaf barrisuu qofa. Saniin ala bineensota hedduun nyaatama.

Kormaa fi dhaltuun Guinea Fowl akka jaarsaa fi jaartiitti waliin jiraatu. Tibba wal hormaataarratti warri qubsuma tokko keessa jiraatu wal gargaaree goojjoo tolcha. Goojjoon kun guddaa yoo ta’u, dhaltuuwwan qubsuma san keessa jiran hundi achi keessatti hanqaaqu. Hunduu bakka isaaf ta’u filatee hanqaaquu isaa buusa. Kormaan qubsumsa san keessa jiru hundi ammoo goojjoo fi hanqaaquu sanii eegumsa godhuun dirqama isaati. Dhaltuun takka hanqaaquu haga 20 hanqaaquu dandeetti. Allaattiin kun tibba sooratni gahaan jiru wal qunnamtii wal hormaataa raawwatee hanqaaquu buusa. Dhaltuun torbaan afuriif eega hanqaaquu san hammatteen booda cabsitee ilmoolee keessaa yaafti. Ilmooleen akkuma hanqaaquu keessaa bahaniin Abbaa fi haadha waliin olii gad deemuu danda’u. Ta’us wantoota garagaraa barachuudhaaf ji’oota dheeraa itti fudhata. Guddisa ilmooleerratti maatiin lachuu ni hirmaatu. Hanqaaquu hammachuun san booda ilmoolee hammachuun dirqama haadhaati. Yeroo kanatti eegumsa godhaa haadha sooruun ammoo dirqama abbaati. Waggaa tokko booda ilmooleen jireenya kophaa isaanii jalqabuu dnada’u. Gaafa waggaa lama guutan ammoo hormaataaf qophii ta’u. Hayyama Rabbiitiin allaattiin kun haga wagga 15 jiraatuu danda’a.

Back to top button