header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaKoroonaaOdeeyfannooUSA

Guutuu Addunyaa keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasii koroonaatiin qabamanii miiliyoona 10 dabre

Weerarri Vaayirasii koroonaa ji’a jaha dura Chaayinaa keessatti ka’e guutuu addunyaa keessa tatamsa’uun, hanga guyyaa har’aatti namoonni 10,105,629 vaayirasichaan qabamuu gabaafame. Gama biraatiin ammoo namoota vaayirasichaan qabaman jidduu 5,477,837 kan fayyan yoo tahu, namoonni kuma 500 fi kuma 2 ol tahan ammoo sababa vaayirasii kanaatiin du’uu ragaaleen ni addeessu.
Weerarri Vaayirasichaa biyyoota Awrooppaa fi Eeshiyaa jalqaba akka malee hubee ture keessatti kan hir’ataa jiru yoo tahu, gama biraatiin ammoo Ardiilee Ameerikaa lamaan, Afrikaa fi naannawa Kibba Eshiyaa keessumattuu Indiyaa, Paakistaan, Bangilaadish fi Afgaanistaan keessatti daran hammaataa jira.
Biyyoota addunyaa hunda caalaa vaayirasiin koroonaa U.S.A. miidhaa jira. Haaluma kanaan biyyattii keessatti hanga guyyaa har’aatti namoota 2,596,770 vaayirasichaan qabamuu gabaafame jidduu, namoonni 128,152 du’anii jiru.
Mootummaan Ameerikaa weerarri vaayirasichaa diinagdee biyyattii hubaa jira jechuun torbee sade dura sochii ummata irra kaahe kaasuu hordofuun, vaayirasichi yeroo ammaa kutaalee tokko tokko keessatti haala kanaan duraa caalaa hamaa taheen babal’ataa jira.
Kutaalee biyyattii vaayirasichi haarayatti keessatti babal’ataa jiru jidduu Filooridaa fi Teeksisa adda duree yoo tahan, guyyaa kaleessaa kutaa Flooridaa keessatti qofa vaayirasichi haarayatti namoota 9,500 irratti argamuu gabaafame. Kanuma hordofuun bulchiinsi kutaalee lamaanii sochii ummataa fi diinagdee yeroo lammataaf deebisanii cufuu beeksisan.

Biraaziil fi Indiyaa keessattis lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii saffisaan dabalaa jira.
Ardii Afrikaa keessattis hanga guyyaa kaleessatti namoota 374,749 vaayirasichaan qabamuu mirkanaahee jidduu 9,519 du’uu gabaafame.
Ityoophiyaa keessattis hanga guyyaa kaleessatti namoota vaayirasichaan qabamanii 5,570 akka gaheefi, namoonni 94 sababa vaayirasichaatiin du’uu ibsame. Akka naannoo Oromiyaatti ammoo hanga ammaatti vaayirasichi namoota 308 irratti akka argame, dabalataanis namoota kanneen jidduu 8 du’uu ibsi biiroo Fayyaa Oromiyaa irraa argame ni addeessa.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button