header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

Guutuu Addunyaa keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahee miiliyoona 16 dabre

Weerarri Vaayirasii Koroonaa ammas guutuu addunyaa keessatti hammaatee kan itti fufe yoo tahu, hanga guyyaa har’aatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamuu mirkanaahee 16,235,924 gahee jira. Lakkoofsi namoota sababa vaayirasii kanaatiin du’anii ammoo 649,153 dabruu ragaan Johns Hopkins University irraa argame ni addeessa.

Vaayirasichi yeroo ammaa Ameerikaa, Braaziil fi Indiyaa keessatti hammaate. Haaluma kanaan Ameerikaa keessatti hanga ammaatti namoota 4,315,926 vaayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu 149,400 du’uu gabaafame. Braazil keessatti ammoo namoota 2,396,434 vaayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu 86,496 du’anii jiru. Haaluma walfakkaatuun Indiyaa keessattis lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamuu mirkanaahee 1,396,304 akka dabrefi, namoonni 32,207 ammoo sababa vaayirasii kanaatiin du’uu gabaafame.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibsa baaseen, guyyaa kaleessaa qofa namoonni 257,789 ol tahan vaayirasichaan qabamuu kan gabaase tahus, ogeeyyonni fayyaa garuu yeroo ammaatti vaayirasichi biyyoota addunyaa keessatti marsaa lammaataa deebi’ee tamsa’aa jiraatuu eeruun, lakkoofsi namoota guyyatti qabaman kanaa ol jedhan.

Odeeyfannoo walqabateen Kooriyaan Kaabaa yeroo jalqabatiif namni vaayirasii koroonaatiin qabame biyya isii keessatti argamuu Alhada har’aa labsite. Kanuma hordofuun hogganaan biyyattii kim jong un naannawa daangaa Kooriyaa Kibbaa irratti argamu keessatti labsii yeroo muuddamaa baasuun, magaalaa Kaesong jedhamtu keessatti ammoo sochiin ummataa guutumaan guututti kan uggurame tahuu ibsame.

Gama biraatiin ammoo weerarri vaayirasii koroonaa Ityoophiyaa keessattis kan hammaataa jiru tahu ministeerri fayyaa beeksise. Akka ibsa mootummaatti biyyattii keessatti hanga guyyaa kaleessattii lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 13,248 akka gaheefi, namoonni 209 ammoo sababa vaayirasichaatiin du’uu gabaafame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button