header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

Guutuu Addunyaa keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahee miiliyoona Afuritti (3,969,710) dhihaate

Guutuu Addunyaa keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahee miiliyoona Afuritti (3,969,710) dhihaate. Lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaa du’anii 273,744 kan gahe yoo tahu, namoonni 1,367,337 ammoo dhukkuba kana irraa fayyuu gabaafame.

Weerarri Vaayirasichaa Addunyaa diinagdee Addunyaa fi jireenya ummataas haalaan miidhaa jira. Ameerikaan weerara Vaayirasii koroonaa biyyattii keessatti hammaataa jiruun walqabatee, uggura sochii ummataa fi diinagdee irra kaahame hordofuun, ji’a April dabre keessa qofa hojjattoonni miiliyoonni 20.5 hojii dhabuu beeksiste. Biyyattii keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasichaan qabamanii miiliyoona tokkoo fi kuma dhibba sadi kan dabre yoo tahu, lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaa du’anii ammoo 77,500 dabree jira.

U.S.A fi Awrooppaan diinagdee kufaa jiru baraaruuf jarjaraan uggura sochii ummataa irra kaahan kaasaa jiran. Ogeeyyonni fayyaa ammoo weerarri vaayirasichaa marsaan lammataaf carraan deebi’ee ka’uu guddaa tahuu ibsuun, biyyoonni jarjaraan of eeggannoo malee uggura sochii ummataa kaasaa jiran deebi’anii cufatuun isaanii hin oolu jechuun akeekkachiisaa jiran.

Guutuu Awrooppaa keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasichaan qabamuu gabaafamee miiliyoona 1.5 kan dabre yoo tahu, lakkoofsi namoota du’anii ammoo 149,180 gahee jira. Dhibeen Vaayirasii Koroonaa yeroo ammaa Awrooppaa keessatti biyyoota hunda caalaa Raashiyaa keessatti hammaataa jira. Biyyattii keessatti namoota 187,859 Vaayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu, 1,723 du’uu gabaafame.

Weerara Vaayirasii koroonaatiin walqabatee odeeyfannooleen ijoon May 8, 2020 kanneen biroo ammoo:
-Kuweeyt uggura sochii ummataa kanaan dura sa’aa 16 qofa ture cimsuun, May 10-30/2020tti biyyattii keessatti sochii ummataa guututti ugguruuf tahuu beeksiste. Ministeerri odeeyfannoo biyyattii qajeelfama uggura kanaa dhiheenyatti kan ibsu tahuus beeksise.

-Lubnaan March dabre irraa eeggalee Masaajidoota cuftee turte Jum’aa har’aa bante.

-Biyyoota Galoo Galaana Arabiyaa kanneen akka Sa’uudii, Qaxar fi Emreets keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasii koroonaatiin qabamanii saffisaan dabalaa jiraatuu gabaafame.

-Afrikaan Kibbaa weerara Vaayirasichaa to’achuuf jecha hidhamtoota 19,000 gadi lakkisuuf tahuu beeksiste. Prezdaantiin biyyattii ibsa kenneen, weerarri vaayirasichaa gara manneen hidhaa seenuu eega hubannee booda murtii kana irra geenne jedhe.

-Ministeerri Fayyaa Griik kan duraanii Vaayirasii koroonaatiin qabamee du’uu gabaafame.
-UN, Weera Vaayirasii Koroonaa hordofuun Guutuu Addunyaa keessatti Jibbinsi sanyii fi amntaa hammaatuu beeksise. Barreessaan ol’aanaan dhaabbatichaa Antoniyoo Gutareez, biyyoota heddu keessatti haleellaan muslimootaa fi baqattoota irratti raawwatamaa jiraachuu ibsuun, mootummoonni biyyoota kanneenii gocha sukkanneessaa kana hatattamaan akka dhaabsisan gaafate.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button