header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaAwrooppaaAwustraaliyaaEeshiyaaKoroonaaOdeeyfannooUSA

Guutuu Addunyaatti lakkoofsi namoota COVID-19’n qabamanii 6,636,148 gahe

Meeksikootti guyyaa har’aa qofa namni 1,092 dhibee kanaan kan du’e yoo tahu, biyyoota Kamiisa har’aa lakkoobsa nama du’e guddaa galmeessan jidduu sadarkaa jalqabaa irratti argamti, Raashiyaatti immoo guyyaa har’aa qofa namoota 8,831 qabame.

Guuttuu Addunyaa irraa Kamiisa har’aa qofa hanga sa’aa gabaasa kana qindeessineetti, lakkoofsi namoota COVID-19’n qabamanii 62,979 yoo tahu, namoonni 2,312 immoo du’uu odeeyfannoon ni mul’isa.

Biyyoota dhibeen kun guyyaa har’aa keessatti hin galmaawiin jidduu Finlaand tokko yoo taatu, Ministeerri Fayyaa biyyattii, ji’oota 3’n dabran keesssaa guyyaa jalqabaa kan namni dhibee kanaan qabame itti hin galmaawin tahuu fi namoota duraan qabaman jidduu immoo namni tokko du’uu beeksise.

Finlaandiitti walumaagalatti lakkoofsi namoota qabamanii 7,000 yoo tahu, namoonni 322 immoo du’aanii jiru.

Ardii Afrikaatti lakkoofsi namoota qabamanii walumaagalatti 166,315, kan du’e 4,655, kan fayye immoo 73,029.

Awurooppaatti kan qabame walumaagalatti 2,043,555, kan du’e 176,999, kan bayyanate immoo 1,041,566.

Ameerikaa kaabaatti kan qabame walumaagalatti 2,160,922, kan du’e 130,371, kan bayyanate 843,359 yoo ta’u, ardiichaatti USA’n namoota qabaman 1,909,785, Akkasumas kan du’e 109,409 qabachuun addunyaa irraa sadarkaa jalqabaa irratti argamti.

Ameerikaa Kibbaatti lakkoofsi namoota qabamanii miliyoona tokkotti dhihaatee jira, kan du’e 44,444, kan bayyanate 470,937 yoo tahu, Biyyoota Ardiichaa jidduu Biraaziiliitti lakkoofsi namoota qabamanii fi du’aanii saffisaan dabalaa jira.

Biraaziilitti hanga ammatti lakkoofsi namoota qabamanii 590,485 yoo tahu, kan du’e 32,688, kan bayyanate immoo 266,132 gahe jira.

Eeshiyaatti kan qabame 1,256,814, kan du’e 32,971, bayyanate immoo 763,768 yoo tahu, Indiyaan lakkoofsa namoota qabamanii 224,772 qabachuun ardiichaatti sadarkaa jalqabaa irratti argamti.

Walumaagalatti guuttuu Addunyaatti lakkoofsi namoota qabamanii 6,636,148, kan du’e 389,710 yoo tahu, kan bayyanate immoo 3,201,599 odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button