header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

Guutuu Addunyaatti Talaalliin COVID-19 Biliyoona 1.77 ol keennamu gabaafame

Guutuu Addunyaatti hanga guyyaa arraatti  talaalliin COVID-19’n biliyoona 1.77 ol kan keenname yoo ta’u, Chaayinaan talaallii miliyoona 566.72 kennuun, Akkasumas Ameerikaan immmo talaallii miliyoona 289.21  keennuun walduraa dubbaan sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa irratti  argamu.

Haaluma kanaan Chaayinaa fi Ameerikaatti aanuun immoo Indiyaan miliyoona 202.7  keennuun , Biraazil miliyoona 64.57, UK’n Miliyoona 62, Jarman miliyoona 47.36, Faransaayi miliyoona 33.68 , Xaaliyaan 32.7 fi Turkiyaan talaallii miliyoona 28.48 keennuun walduraa dubbaan sadarkaa 3ffaa hanga 9ffaa irratti argamu

Biyyi baha Afrikaa odolli Saaychileess immoo Lammilee isii irra hedduuf  keennuun sadarkaa jalqabaa qabatee jirti.

December bara 2019 kan weerarri Vaayirasichaa itti argamu itti labsame irraa kaasee hanga ammaatti biyyoota 192 keessatti namoota miliyoona 168.47  Vaayirasichaan qabaman jidduu, miliyoonni 3.5 ol lubbuu dhabuu ragaan University John Hopkins irraa argame ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button