header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

Guyyaa qiyaamaa fuulli ilma namaa ni ifa yookaan ammoo ni dukkanaaya!

Ibn Abbaas akkana jedha: Dhugumatti hojiin gaariin qalbii irratti nuura (ifa) ta’a, fuula irraa ibsaa ta’a, qaamaaf humna ta’a, rizqiin akka dabalu sababa ta’a, qalbii namootaa keessatti jaalala ta’a (namoonni akka nama jaallataniif sababa ta’a). Dhugumatti, hojiin hamtuun qalbii keessatti dukkana, fuula irratti awwaara (fuula akka waan awwaaran uwwifame fakkeessa), qaama dadhabsiisa, rizqii hir’isa, qalbii namoota keessatti jibba ta’a (namoonni akka nama jibban taasisa).”
Ibn Taymiyaan itti fufuun ni jedha: Hanga nama hundaafu mul’atutti kuni Guyyaa Qiyaamaa ni guuttama.
Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:
(یَوۡمَ تَبۡیَضُّ وُجُوهࣱ وَتَسۡوَدُّ وُجُوهࣱۚ فَأَمَّا ٱلَّذِینَ ٱسۡوَدَّتۡ وُجُوهُهُمۡ أَكَفَرۡتُم بَعۡدَ إِیمَـٰنِكُمۡ فَذُوقُوا۟ ٱلۡعَذَابَ بِمَا كُنتُمۡ تَكۡفُرُونَ Ûوَأَمَّا ٱلَّذِینَ ٱبۡیَضَّتۡ وُجُوهُهُمۡ فَفِی رَحۡمَةِ ٱللَّهِۖ هُمۡ فِیهَا خَـٰلِدُونَ)
“Guyyaa fuulli gariin addaatan, fuulli gariin immoo gurraacha’an. Warra fuulli isaanii gurraachateen, ‘Sila erga amantanii booda kafartanii? Sababa kafaraa turtaniif adabbii dhandhamaa.’ jedhama. Warra fuulli isaanii addaate (ife) immoo, isaan rahmata Rabbii keessa yeroo hundaa turu.” Suuratu Aali-Imraan 3:106-107
Ammas ni jedha:
-Fuulli [gariin] Guyyaa san ni ifu. (23)-Gara Gooftaa isaanii ilaalu. (24)-Fuulli [gariin] immoo Guyyaa san ni sunturu. (25)-Balaa guddaa isaanitti raawwatamu yaadu.”Suuratu Al-Qiyaamah 75:22-25
Ammas suratu Abasa keessatti:
Fuulli gariin guyyaa san (Guyyaa Qiyaamaa) ni ifu. Kan kolfan, kan gammaddaniidha. Fuulli gariin immoo guyyaa san dhukkeetu irra jira. Gurraachinni isaan haguuga. Isaan sun warra Rabbitti kafaranii, balleessaa guddaa hojjataniidha.”suuratu Abasa 80:38-42

Walumaagalatti, hojiin gaariin qalbii keessatti tasgabbii akka argatan, fuulli namaa akka ifu yommuu godhu, hojiin badaan immoo qalbiin namaa akka jeeqamtu, fuulli akka gurraachatu ykn dukkanaa’u godha. Kuni Guyyaa Qiyaamaa haala guutuu ta’een mul’ata.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button