header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-Barruu

Haa karoorfannu

Qophii: Abu Ibtisaam

Kaayyoo milkeessuu barbaaddu bira gahuudhaaf, karoora jabaa baafatuun dirqama. Nuti Muslimoonni kaayyoo takka qabna. Sunis jannata Rabbii argachuudha. Jannata argachuudhaaf ammoo Rahmata Rabbii argachuun dirqama. Rahmata Rabbii argachuuf ammoo karaa Rabbii irra deemuun barbaachisaadha. Karaa Rabbii irra jiraachuufis wantoota dalaguu qabnu karoorfachuun dirqama.

Ergamaan Rabbii (SAW) kan badiin duraa fi boodaatis dhiifameef yeroo hunda du’aa’ii irra deddeebi’anii jedhan qaban. Sunis, ‘Yaa Muqallibal Quluub, Sabbit Qalbii alaa diinika’ jedhaa du’aa’ii godhan. Isaaniin imaanni isaanii guutuu yoo ka du’aa’ii kana ka godhanii, anii fi ati hoo?

Harraan tana akka durii osoo hin taane, qormaata heddutu harkaa nu qaba. Jawwaala kiisa keessa qabnurraa kaasee, haga fasaada karaa irra jiruutti rakkoon marfamnee jirra. Wantoonni kunniin ammoo jabina iimaanaa keenyaa nu jalaa miidhuuf humna qabu. Kanaafuu nutis rakkoo tannin bira dabruudhaaf jecha karoora jabaa karoorfachuun barbaachisaadha.

Guyyatti yoo xiqqaate yeroo 5 salaataaf ni dhaabbanna. Yeroo kanattis yeroo 17 faatihaa ni qaraana. Wayta faatihaa qaraanu kana ammoo ‘Ihidinassiraa xalmustaqiim”¦’ jechaa Rabbi kadhachutti jirra. Garuu yeroo aayaa tana qaraanu qalbii keenya eessa akka jiru of haa gaafannu. Dhuguma wayta du’aa’ii Rabbi karaa nuuf godhe tana jennu qalbiin teenyas Rabbi bira jira taanaan ni milkoofna. Garoo qalbii teenya bakka biraa yoo jiraate rakkoodha. Kanaafuu haga dandeenyeen qalbii teenya gara Rabbii kenyaa deebisuuf haa carraaqnu.

Iimaana jabaa qabaachuu kan dandeenyu carraaaqqii keenya qofaanii miti. Dirqamatti gargaarsi Rabbii jiraachuu qaba. Kanaafuu nuti Rabbi keenya gabbaruufuu gargaarsuma isaatti haajamna jechuudha. Waan kana ta’eef wayta gargaarsa isa kadhannu kana, qalbii qulqulluu fi abdiin ta’uu qaba.

Du’aa’iin gargaarsa Rabbii argachuudhaaf haalaan barbaachisaadha. Inumaayyuu du’aa’iin ibaadaa keessatti laakkawamti. Kanaafuu guyyaan tokkollee du’aa’ii osoo hin goone akka nu jalaa hin dabarre haa karoorfannu. Kan salaata keessatti jennuun cinatti, salaatan alattis Rabbii keenya qalbii qulqulluu fi abdii guddaan isa kadhachuu aadaa haa godhannu. Afaanuma nuu laafuun waan barbaanne haa kadhannu. Rabbi ammoo isinii awwaadha waan jedheef amantii guutuu isarratti haa qabaannu. Ramadaannis dhufaa waan jiruuf du’aa’iin of haa leenjisnu.

Rabbi ibaadaa cufa nuuf haa laaffisu

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button