header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
FayyaaOdeeyfannooOg-Barruu

Hadiisa 10 qabeenya Umamaa fi kunuunsa Naannoo Ilaalchisee

Qophii: Abbaas Ibnul Islam

Wantoota Yeroo ammaa Addunyaa Cinqaa jiru keessaa tokko haphachuu qabeenya uumamaa fi faalama qilleensaati. Sabaaba faalama qilleensaa mootummoonni Addunyaa walgahanii mariyatu, marii isaanii irratti bu’aan isaanii yoo tuqame osoo walii hin galin adda bahu. Kora biyyoota G20 jedhamu ka bara kanaa irratti dhimmi faalama qilleensaa qabxii ijoo ture. Haa ta’u malee mariin dhimma kana irratti godhame walii galtee malee xumurame.
Islaamummaan immoo waggaa 1440 dura rakkoo guddaa har’a Addunyaa cinqaa jiru, kan biyyoota dureeyyii wal nyaachisuun walii galtee dhorke kana ilaalchisee furmaata kaahee jira.
Tooftaa Faalama Qilleensaa too’achuuf kaahame kan Addunyaan itti walii galte jidduu tokko yaadrimee biqiltuu dhaabuun naannoo magariisa godhuu jedhu.

Islaamummaan Amantaa furmaata rakkoo ilma namaati. Amantaan rakkoo ilma namaa ittiin furuuf buufame kun, furmaata Adduunyaan faalama qileensa ittiin too’achuuf carraaqaa jirtu kana waggaa 1400 dura Ergamaan Rabbii ( (SAW))barsiisee jira.

images (9)

 

Osoo Dalagaa kee kan dhuma (maayii) tahellee Biqiltuu tokko dhaabi

Biqiltuu dhaabuu ilaalchisee Ergamaan Rabbii ((SAW)) maal jedhe?

1. Hadiisa Anas Ibni Maaliik (RA) irraa odeeyfameen Ergamaan Rabbii ((SAW))
akka jedhe ” Isin jidduu namni tokko biqiltuu dhaabuuf karoorfate Osoo jiru qiyaamaan isa irratti dhaabatuu osoo beekellee, Biqiltuu san dhaabuu irraa of duuba hin deebi’in “

islam_and_environment.jpg

Biqiltuu Dhaabuun madda ajriiti.

2. Hadiisa Anas Ibni Maliik (RA) irraa odeeyfameen Ergamaan Rabbii ( (SAW)) “Namni Muslimaa tokko Biqiltuu ykn sanyii midhaanii dhaabee(facaasee), oyruu san irraa Shimbirri ykn ilmi namaa ykn beeyiladoonni biroo irraa yoo sooratan, namticha biqiltuu dhaabe Kanaaf akka Sadaqaa wal irraa hin cinneetti isaa lakkaa’ama” (Bukhaarii)

images (11)

 

Ibaadaafis ta’u qabeenya kamuu seeran itti fayyadami

3. Hadiisa Abdallah Ibn Amr Ibn Al’as irraa odeeyfameen “Guyyaa tokko Sa’aad Ibni Waqqaas (RA) Wuduu’a osoo godhatu Ergamaan Rabbii ((SAW) ) arganii, Sa’aad maaliif bishaan akkasitti qisaasta ? jechuun gaafatan. Sa’aadis Wudu’aafis qisaasuu jedhamaa? jedhee gaafate. Ergamaan Rabbiitis Eeyyee kan godhataa jirtu Osoo laga yaa’u irraa taheeyyuu qisaasa” jechuun deebisaniif.

images-12.jpeg
Qulqullina Naannoo Keeti eegi.

Naannoo ofii qulqulleessuun tooftaa qileensi akka hin faalamne ofirraa dhorkinuun keessaa tokko, kana ilaalchisee Ergamaan Rabbii ((SAW)) maal jedhe?
4. Hadiisa Mu’aaz (RA) Ergamaan Rabbii ((SAW)) Dalagaawwan abaarsa isiniitti fidan 3 irraa of eegadhaa jechuun akeekachise. Isaanis: Iddoo namoonni itti fayyadamanitti, daandiiwwan irratti akkasumas iddoo bishaan walitti qabameetti of qulqulleessuu (sagaraa fi fincaan bahuu) irraa akka of eegattan jechuun akeekachisan.

Guufuu ykn Qoree karaa irraa kaasuunis qulqullina naannooti.

5. Hadiisa Abu Zarr Al Ghaffaari (RA) irraa odeeyfameen Ergamaan Rabbii (SAW) akka jedhe ” Waan nama miidhu ( guufu tahe qoree) karaa irraa kaasuun akka Sadaqaatti lakkaa’ama”jedhe.

FB_IMG_1562857032045.jpg

Hin Qisaasin

Osoo kan qabdutti fayyadamuu dandeessu kan biraa bituun qabeenya hin qisaasin. Qisaasni dhoorkaa tahuu ilaalchisee:
6. Hadiisa Abdallaah Ibn Abbaas irraa odeeyfameen Ergamaan Rabbii ((SAW)) akka jedhe “Nama Mu’iminaa jechuun nama ofii garaatti quufee oollaan isaa biraati agabuu hin bulle” jedhe.

7. Haati Mu’imintootaa A’ishaan (R.A) Ergamaan Rabbii ((SAW)) mana keessatti maal akka hojjatu gaafatamtee akkas jechuun deebiste. “Mana keessatti kophee haaromsuun, huccuu hodhuun fi akkasumas hujiwwaan gargaraa mana keessatti hojjatuun dabarsa” jette.

8. Ergamaan Rabbii ((SAW)) akka jedhe “Namni shimbira diqqoo ykn immoo waanuma sanii oli kamiyyuu sababa malee ajjeese, guyyaa Qiyaamaa Rabbiin duratti ni gaafatama” jedhe.
Sahaaboonni kana dhagahanis “Sabaabni ajjeessuun hayyamamuuf hoo maali?”jedhanii gaafatan.
Ergamaan Rabbiitis ((SAW)) “yoo nyaachuuf jecha ta’e malee”jechuun deebisan.

download (2)

Bineensota kunuunsuu 

Beeylada manaa ta’ee bineensonni alaatis qabeenya uumamaati. Lubbuu qabeeyyii kunuunsuu ilaalchisee Ergaman Rabbii ((SAW)) maal jedhe?

9. Abuu Hureeyraa (RA) seenaa Ergamaa Rabbii ((SAW) ) irraa dhagaye akkas jechuun hime. “Namtichi imala irra jiru tokko hedduu dheebote bishaan dhugu osoo barbaadu, eela (boolla) bishaanii arge. Boolla bishaanii san gad bu’ee dhuguun dheebu bahee yoo oli deebi’u, saree sababa dheebuutiin dhoqqee naannoo eela bishaanii jiru qoqqotaa jirtu arge. Namtichi kun Sareen tunis akkuma ani dheebuun rakkataa ture san rakkatuu jirtii mii jechuun of gaafate. Namtichi ammas boolla bishaaniitti deebi’ee kophee isaatti bishaan guutee ol ba’e saree san obaase. Rabbiinis dalagaa inni hojjate kanatti gammadee badii isaa araarameef”

Sahaaboonni seenaa kana dhagahaa turanis “Yaa Ergamaa Rabbii bineensota tajajiluu keenyaaf mindaa ykn Rabbiin irraa galata qabnaa?”Jechuun gaafatan. Ergamaan Rabbiitis((SAW)) “eeyyee lubbuu waan qabaa hunda tajaajiluu keessaniif mindaa qabdu”jechuun deebiseef.

10. Abdallah Ibni Umar (RA) hadiisa biraatiin seenaa Ergama Rabbii( (SAW)) irraa dhagaye akkas jechuun dabarse
” Dubartiin tokko sababa Adurree hidhuun nyaata dhorkitee beelan adabdteef, ibidda jahanamiin adabamte ” jechuun dabarse.

Sadarkaan naannoo keenya kunuunsuun argamu Kana yoo ta’e itti haa jabaannu dhaamsa keenya.

 

 

 

 

 

18 Comments

  1. oduu yeroo isaa Eeggate fi information harawa akkana nuuf qooduu kessaniif bayyee bayyee gaariidha.kana caalaa akkaa ittii fuftan hawwiin qaba. jabadha .galatooma. ulfaadha.

  2. السلام عليكم ورحمة الله وبركاته

  3. Masha Allah tabaarak Allah Rabbin isinirraa haajalatuu hojii keessan Rabbin ol isiniif haa fudhu waan Baayyee irraa baranne baarakallah fiik Jzk

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button