Haleellaa Aanaa Gumbii Bordodeetti raawwatameen lubbuun nama 7 galaafatame.

Godina Harargee lixaa aanaa Gumbii Bordooddee ganda Gumbii iddoo Gimjaabeetii jedhamuutti, haleellaa qaamolee hidhataniin guyyaa har’aa ummata nagayaa irratti raawwatameen lubbuun namaa galaafatamu gabaafame.

Haleellaa Kanaan namoonni 7 ajjeeffamuu fi 3 miidhamuu Odeeyfannoon Biiroo Dhimmoota Koomunikeeshiinii Mootummaa naannoo Oromiyaa irra argame ni addeessa.

Biirichi haleellaan kun qaamolee hidhataniin kan raawwatamedha jechuu alatti eessa akka dhufaniif eenyummaa isaanii hin ibsine.

 

Comments
Loading...