header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Haleellaa boombii Afgaanistaan keessatti Sirna Cidhaa irratti raawwatameen namoonni 63 ol ajjeefaman

Afgaanistaan magaalaa Kaabul keessatti kaleessa galagala namtichi boombii ofirratti kiyyeesse gara galma cidhaa seenuun kan dhoose yoo tahu, haleellaa kanaan namoonni 63 ajjeefamanii 180 ol ammoo kan madaayan tahuu gabaafame.

 

Haleellaa halkan edaa kana hanga ammaatti qaamni itti gaafatamummaa fudhate hin jiru. Haata’u malee dhiheenya kana haleellaan akkanaa biyyattii keessatti kan hammaataa dhufe tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Gama biraatiin ammoo, mariin nageenyaa Ameerikaa fi gareen Xaalibaan Qaxar keessatti geeggeessaa jiran, lola waggaa 19 biyyattii keessatti geggeeffamaa ture goolabuuf kan dhiyaate tahuun ibsamaa jira. Haaluma kanaan Prezdaant Traamp haala loltoonni Ameerikaa Afgaanistaan keessaa bahan irratti,  qondaaltota waraanaa fi basaasaa waliin kan mari’ataa jiru tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button