header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Haleellaa Boombii Somaaliyaa magaalaa Maqdishoo keessatti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 15 ajjeefaman

Haleellaa Jum’aa har’aa magaalaa Maqdishoo waajjira qorannoo yakkaa dabalatee iddoowwan sadihitti raawwatameen, yoo xiqqaate namoonni 17 ol kan ajjeefaman tahuu Poolisiin biyyattii ibse. Haleellaan kunnin boombiiwwan konkolaatota irratti kiyyeefameen kan raawwatame yoo tahu, hidhattoonni boombiiwwan eega dhoosanii booda dhukaasa kan banan tahuu Reuters gabaase.

Qondaalli Poolisii magaalaa Maqdishoo Ali Nuur akka jedhetti, namoonni ajjeefaman irra hedduun kanneen Konkolaataa birootiin imala irra turan tahuu hime. Namoota ajjeefamaniin alattis namoonni heddu kan madaayan tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

#Haleellaa_Maqdishoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button