header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Haleellaa Boombii waraana mootummaa Iraan irratti xiyyeeffateen loltoonni 20 ol ajjeefamuu gabaafame

Haleellaa Arba’aa hardhaa Kibba baha biyyattii daangaa Paakistaan Kutaa Sistan-Baluchistan jedhamu  keessatti raawwatame kanaan, miseensonni waraana Iraan “Republican Guards”jedhamuu 20 kan ajjeefaman yoo tahu, loltoonni 20 ammoo kan madaayan tahuu ejensiin odeeyfannoo biyyattii gabaase. Haleellaan kun namni boombii ofirratti hidhate tokko konkolaataa loltoota fe’atee imalaa ture irratti dhoosuun kan raawwatame tahuu gabaafame.

 

Akka gabaasa kanaatti, finciltoonni Baluchi fi gareewwan baala sammuu namaa hadoochu daddabarsan, naannicha keessatti yeroo heddu loltoota Iraan waliin kan walitti bu’aa turan tahus, hanga ammaatti qaamni haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.

Odeeyfannoo birootiin ammoo Ameerikaa fi michoonni isii dhimma baha jiddu galeessaa irratti Poland magaalaa Warsaw keessatti kan mari’ataa jiran yoo tahu, Ameerikaan “dhiibbaa Iraan naannicha keessatti babal’ataa dhufe dhaabsisuu”yaada jedhu irratti,  biyyoota Awrooppaa waliin ejjannoo cimaa irra gahuudhaaf kan yaalaa jirtu tahuu gabaafame

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button