Haleellaa Lammiilee Oromoo magaalaa Adaamaa qubsiifaman irratti raawwatameen lubbuun nama tokko darbe

Haleellaa kaleessa galgala lammiilee Oromoo qe’ee fi qabeenya isaanii irra waraana liyyuu poolisii naannoo Somaaleetiin buqqifamanii magaalaa Adaamaa qubsiifaman irratti raawwatameen lubbuun nama tokko darbuu fi namni 36 ammoo kan miidhaman tahuun beekame.

Namoota miidhaan irra gahe jidduu dhiirri 26 fi dubartoonni 9 yoo tahan, yeroo amma hospitaala Adaamaa keessatti kan yaalamaa jiran tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Comments
Loading...