header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Haleellaa Masjidoota magaalaa Mooxaatti raawwatame qaamoleen mootummaa harka keessaa qabaatuun ibsame

Torbaan lama dura Masjida naannoo Amaaraatti gubateefi qabeenya hawaasa Muslimaa saamame qoratuuf Manni Marii Dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa(Majlisni) akka qorataniif garasitti koree ergee ture.

Gabaasa koreen kuniin dhiheessan irratti guyyaa har’aa Majlisni miidiyaaleef ibsa kan kennee yoo tahu, Koreen qorannoof ergame, haleellaan raawwatame bifa qindaaween tahuu ifoomse.

‘Qaamoleen nageenya magaalattii fi hoggantoonni mootummaa magaalichaa haleellaa kana keessaa harka akka qaban, Dukkaanoonni Muslimootaa adda baafamanii gubamaa turan fi Qabeenya Muslimootaa Miliyoona 500 oltu saamame’ jedha ibsi Majlisni koricha waabeeffachuun baase.

Koreen qorannoo kun dhimmicha irratti Pirizdaantii naannichaa dubbisuuf yaalii godhee ture. Haa tahuu malee sababa “wal gahii irra jira” jedhuun kan wal arguu hin dandahin tahuu ibsan.

Korichi hoggantoota naannichaa biroo waliin mariyatee, Gaaffii qabxii 5 qabu kan Majlisni Federaalaa ibsa ijjannoo Muddee 15,2012 baase irratti qondaaltoota naannichaaf dhiheessee ture, barreeffaman hoggantoota naannichaa waliin mari’atan kanaaf dhiheessaniiru.

Majlisni Federaalaa ibsa Muddee 15,2012 baase irratti, hoggantoonni naannichaa hanga muddee 22,2012(guyyaa kaleessaatti) gaaffiiwwan dhihaataniif deebisaan akka kennamu akeekkachiisee ture. Haa ta’u malee hoggansi naannichaa hanga ammaatti deebisaa tokkollee kan hin kennin tahuun ifa.

Qabxiiwwan ibsa guyyaa har’aa irratti ka’an jidduu, yakki Masjida diiguu fi gubuu, naannoo Amaaraa, Oromiyaa, Kibbaa fi magaalaa Finfinnee keessatti raawwatamaa jiru kun akka dhaabsifamuu qabu,vAkkasuma naannoo Tigraayitti Muslimoonni Masjida jaarachuufi iddoo awwaalchaa akka hin arganne dhoorkamanii jiran, Sarbaminsi mirgaa Muslimoota naannoo Tigraayi irra gahaa jiru kun hatattamaan akka dhaabbachuu qabu, Kun tahuu baannaan, aadaa waliin jireenya ummataa irratti rakkoon nageenyaa guddaan dhufuu akka danda”u ibsi Majlisaa kun akeekkachiisa.

Gocha naannoo Amaaraa magaalaa Mooxaatti raawwatameef mootummaan naannichaa miidhaa dhaqqabeef beenyaa kaffaluun dhiifama akka gaafatuu qabuus Majlisni irra deebi’ee gaafate.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button