header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwustraaliyaaOdeeyfannoo

Haleellaa Masjiida Al Nuur kan biyya Niwziiland Magaalaa Kraayistcharch keessatti raawwatameen muslimoonni heddu ajjeefaman

Guyyaa jimaataa, Namni qawwee qabate tokko Masjida Al Nuur, seenee dhukaasa baneen muslimoota heddu ajjeesuun isaa gabaafame. Namoonni ijaan argan akka himanitti muslimoonni heddu ajjeefamaniiru. Poolisiinis Namichi dhukaasa bane jedhame haga ammaa too’annaa jala waan hin oolleef, jiraattonni magaalaa Kraayistcharch manaa akka hin baane dhaame. Miidiyaan Niwziilaand tokko dhukaasni wal fakkaataan masjiida magaalaa South Island keessattis mudachuu isaa gabaaseera. Haa ta’u malee waa’een dhukaasa kanaa wanti barame hin jiru.

Poolisiin Niiwziilaand waa’ee hammeenya balaa mudatee ibsuus baatu, jiraattonni manuma isaanii keessa akka turan dhaamsa dabarseera. Waan danda’u hundaan rakkoo tana furuufis waadaa seeneera. Namni Len Peneha jedhamu waan ijaan arge akkanatti ibse, “namichi tokko uffata gurraacha uffatee, masjiida seenuun dhukaasa heddu bane. Namoonni masjiida keessa turanis dheessuuf carraaqqii godhanii turan. Kan balbala duratti ajjeefames ni jira. Anis gargaarsa gochuudhaaf gara masjiidaa imalee ture. Garuu wanti arge nama kukkufe qofa.”

Namoonni haga 50 ta’an masjiida keessa akka turan kan gabaafame yoo ta’u, lakkoofsi namoota ajjeefamanii garuu haga ammaa ifatti hin ibsamne. Ijoolleen Umriin xixiqqootis keessa jiraachuu akka hin oolletu gabaafame.

 

2 Comments

  1. Assalaamu Aleykum Warah̨matullai Wabarakaatuu! akkam jirtu Sagantaa Nuural Hudaa?
    Rabbiin Aakiraa Duuniyaa isin Haamilkeessu Sagantaan keessan baay’ee nutti tolee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button