header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Haleellaa Mootummaan Suuriyaa naannawa finciltoonni too’atan keessatti raawwateen namoonni 200 ol ajjeefaman.

Mootummaan Suuriyaa fi waraanni Raashiyaa aannawa finciltoonni too’atan keessatti haleellaa Xayyaara waraanaatiin raawwataa jiraniin, guyyoota Afran dabran keessatti qofa yoo xiqqaate lubbuu namoota 200 ol galaafatan. Finciltoonni mootummaa Suuriyaatiin falman Sabtii dabre Xiyyaara waraana Raashiyaa rukutuun eega kuffisanii booda, mootummaan Bashaar Al-Asaad xayyaarota waraanni Raashiyaa waliin tahuu naannawa Ghuutaa Bahaa fi Idliib keessatti haleellaa jalqaban cimsanii itti fufaniiru.

 

Naannawa Ghuutaa Bahaa kan magaalaa Damashqi cinattii argamu keessatti Arba’aa kaleessaa haleellaa Xiyyaronni waraana mootummaa raawwataniin, daa’imman 12 dabalatee lubbuu lammiilee nagayaa 34 kan galaafate tahuu gabaasni Aljaziiraa ni ibsa. Haaluma walfakkaatuun Idliib keessattis haleellaa guyyaa kaleessaa raawwatameen namoonni heddu kan ajjeefaman tahuun beekame.

 

Haleellaa Xayyaaronni Mootummaa Suuriyaa fi Raashiyaa raawwataa jiran kanaan guyyoota Afran dabre qofa namoonni nagayaa 800 ol tahan kan madaayan tahuu dhaabbileen mirga namoomaa gabaasan.

Back to top button