header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Haleellaa Waraanni Liyyuu Poolisii naannoo Soomalee aanaa Cinaaqsan keessatti raawwateen lubbuun namaa galaafatame.

Godina Harargee Bahaa aanaa Cinaaqsan araddaa Huweysi keessatti waraanni Liyyuu poolisii naannoo Soomalee, ganama hardhaa May 23/2018 ummata irratti lola kan bane yoo tahu, ummannis lola kana ofirraa kan qolate tahuu gabaasni arganne ni ibsa. Lola kanaan gama Oromiyaa irraa namni lama Abdii Doonii fi Abdeeq Mahmuud namoonni jedhaman akka ajjeefamanii fi liyyuu poolisii naannoo Soomalee irraa ammoo loltoonni afur ajjeefamuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Akka jiraataan naannawa san irraa bilbilaan dubbisne nuuf himetti
“Ganama irraa lola cimaa ta’eetu geggeeffamaa ture, lola kanaanis namoonni lama gama naannoo Oromiyaa irraa ajjeefamaniiru. Gama isaanii irraa ammoo namoonni 4 ajjeefamu fi akkasumas namoonni hedduun gama lamaan irraa midhamaniiru”jechuun nuuf hime.

Aanaa Cinaaqsanitti yeroo adda addaa waraanni Iiyyuu poolisii naannoo Soomalee daangaa Oromiyaa cehuun weerara geggeessaa turuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button