header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Haleellaa warshaa boba’aa Sa’uudii irratti raawwatame hordofuun gatiin bobaba’aa dabaluu gabaafame

Haleellaa Sabtii dheengaddaa warshaalee boba’aa Sa’uudii lama irratti raawwatame hordofuun, Sa’uudiin boba’aa gabaa addunyaatiif dhiheessaa turte 50% kan xiqqeessite tahuu gabaafame. Haaluma kanaan gatiin boba’aa addunyaa guyyaa tokkotti 19% kan dabale tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Haata’u malee Ameerikaan kuusaa boba’aa isii gabaa addunyaatiif kan dhiheessitu tahuu eega ibsitee booda, gatiin boba’aa hamma tokko kan gad bu’e tahuu gabaafame.

 

Warshaa Oomisha boba’aa Sa’uudii guddicha Aramco jedhamu kana irratti haleellaa raawwatameen,  boba’aan biyyattiin guyyaatti oomishtu baarmeelii miiliyoona 5.7n kan hir’ate yoo tahu, warshaan kun suphamee guututti hujii jalqabuudhaaf torbaan heddu kan fudhatu tahuu ibsame.

 

Gama biraatiin ammoo Sa’uudii fi Ameerikaan haleellaa dheengadda Sa’uudii keessatti raawwatame kana, kallaattiidhaan Iiraantu raawwate jechuun kan yaakkaa jiran yoo tahu, mootummaan Iiraan ammoo Ameerikaa fi ergamtoonni isii Sa’uudii fi Emreets  Iraan irratti duuluuf sababa barbaadaa jiran jechuun himannaa kana haale.

Traamp tarkaanfii fudhatamuu malu ilaalchisee Twitter isaa irratti, “haleellaan sun eenyuun akka raawwatame Ameerikaan ni beekti, deebisaa barbaachisu kennuudhaafis waraanni keenna afaanitti galfatee eegaa jira, garuu akkamitti akka itti deemuu barbaaddu yaada Sa’uudii eegaa jirra”jedhe.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button