header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Haleellaa Xiyyaara mootummaa Suuriyaatiin namoonnii 400 ol ajjeefaman

Haleellaa Xiyyaari waraanaa mootummaa Suuriyaa, waraana Raashiyaatiin deeggaramuun naannawa Guutaa Bahaa keessaatti Alhada dabre irraa jalqabee raawwataa jiruun, yoo xiqqaate namoonni 400 ol kan ajjeefaman tahuu gareen mirga namoomaa Syrian Observatory group jedhamu beeksise.

Namoota 403 kanneen haleellaa kanaan ajjeefaman keessaa 150 daa’imman yoo tahan, lammiileen Suuriyaa 2120 ammoo kan madaayan tahuu gabaasni kun ni mul’isa.

Dhaabbata mootummoota gamtoomanitti bakka bu’aan addaa kan Suuriyaa Staffan de Mastura, Khamiisa kaleessaa walgahii mana maree nageenyaa irratti “Balaan lammiilee Suuriyaa irra gahaa jiru garmalee hamaataa dhufee jira. Haleellaan Guutaa Bahaa fi Damashq keessatti namoota nagayaa irratti raawwatamaa jiru hatattamaan dhaabbachuu qaba”jechuun akeekkachiise.

 

Mr De Masturaan itti dabaluudhaanis mootummaan Suuriyaa hatattamaan haleellaa kana dhaabee, dhaabbiileen gargaarsaa namoota madaayanii fi kanneen gargaarsa barbaadan hatattamaan dhaqabuu yoo dhabaanne dhumaatii kanaan dura Haleeb keessatti raawwatametu irra deebi’amaa jira jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button