header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Haleellaan Boombii Afgaanistaan keessatti raawwatame lubbuu namoota 40 oli galaafate

Haleellaa Boombii Sabtii har’aa magaalaa guddoo Afganistaan, Kaabul keessatti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 40 ajjeeffamuun namoonni 140 ol tahan ammoo kan madaayan tahuun gabaafame.

Haleellaa Boombii Konkolaataa irratti kiyyeeffameen waajjira Ministeera biyya keessaa cinatti raawwatame kana, gareen Taalibaan itti gaafatamummaa kan fudhate tahuu gabaasni Aljaziiraa irraa arganne ni mul’isa.

Haleellaan har’aa kun torbaan tokko keessatti kan sadaffaa yoo tahu, Alhada dabre achuma magaalaa Kaabul keessatti haleellaa loltoonni Taalibaan Hooteela Intercontinentaal jedhamu irratti  raawwataniin namoota 18 ajjeessuun 22 ammoo kan madeessan yoo tahu, guyyaa lamaan dura ammoo magaalaa Jalalabad keessatti haleellaa waajjira dhaabbata Save the children irratti raawwatameen hojjattoonni dhaabbatichaa 3 kan ajjeefaman tahuu gabasni kun ni ibsa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button