header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Haleellaan Isra’eel Gaazaa keessatti daa’imman irratti raawwattu hammaachaa dhufuu UNICEF beeksise

Dhaabbaata Mootummoota gamtoomaniitti Ejensiin Daa’immanii UNICEF ibsa Jum’aa hardhaa baaseen, baatii dabre keessatti qofa waraanni Isra’eel Gaazaa keessatti daa’imman Shan ajeessuun kanneen dhibbatti lakkaayaman ammoo kan madeesse tahuu beeksise. Akka gabaasa UNICEF’tti ajjeechaa lubbuu fi miidhaa qaamaatiin alattis daa’imman Gaazaa keessa jiraatan keessaa 25% jeequmsa sammuutiif kan saaxilaman akka tahee fi walumaa galatti daa’imman Gaazaa 50% tahan gargaarsa adda addaa kan barbaadan tahuu ibse.

UNICEF akka jedhetti namoota karaa nagayaatiin mormii dhageessisan irratti haleellaan loltoonni Isra’eel raawwatan fudhatama kan hin qabne tahuu ibsuun, keessattuu balaan daa’imman irratti xiyyeeffachuun raawwatamu kan isa yaaddesse tahuu akeekkachiise.

March 30 irraa jalqabee lammiileen Falasxiin Uggurri Isra’eel magaalaa Gaazaa irratti waggoota 11 dabraniif keettee akka raawwatuuf, akkasumas dachii isaanii kan bara 1948 Isra’eel humnaan irraa isaan buqqiftetti mirga deebi’uutiif falmachaa jiran.

Dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitti Komishiinarri Ol’aanaan mirga namoomaatis ibsa torbaan har’aa baaseen Isra’eel tarkaanfii humnaa fudhattuu akka dhaabduu fi ajjeechaa Gaazaa keessatti raawwatteef itti gaafatamummaa akka fudhattu waamicha dabarse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button