header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Haleellaan Masjidoota magaalaa Mooxaa osoo hin raawwatamin dura Hoggansa Naannichaaf, iyyannoon kan dhihaatte tahuun gabaafame

Haleellaa Masjidootaa fi hawaasa Muslimaa naannoo Amaaraa godina baha Goojjaam magaalaa Mooxaa irratti Juma’aa dabre(halkan December 20) raawwatame hordofuun, Masjidoonni 4 gubamuu fi qabeenyi hawaasa Muslimaa guddaan barbaada’uun ni yaadatama.

Haleellaan kun osoo hin raawwatamin ji’a tokko dura hawaasni Muslimaa magalichaa, aggaammiin haleellaa raawwatuu magaalicha keessatti geggeeffamaa jiraatuu Hogganaa Biiroo Nageenya naannichaa Obbo Ageenyehu Teshaageriif ibsan. “Mootummaan dursee akka dhabsiisu! Akka nu eegu barbaanna” jechuun iyyaannoo dhiheessaa turan.

Obbo Ageenyeehu “waan hunda quba qabna! Hordoffii godhaa jirra” jechuun kan dhara isaan abadachiise tahuu dubbatan.

Jiraattoonni godina Gondarii fi Goojjam ‘naannichatti ololli haleellaa Masjidoota irratti raawwatuu kan hafarfamaa tureefi Filmiiwwan jibbaa Islaamummaa leellisan babaldhachaa jiraatuu’ qaama dhimmi ilaalu ji’a tokko dura beeksisaniis, gama mootummaa irraa tarkaanfiin fudhatame kan hin jirre tahuu ibsan.

Mootummaan naannichaa ammaas Shoorarkeessitoota kana seeraaf dhiheessuu caalaa, haleellaa Muslimoota irratti raawwatame kana dhoksuuf carraaqaa jira.

Haleellaa torban dabre keessa naannichatti raawwatame kanaan Masjidoonni 4 kan gubaman yoo tahu, dunkaanoota Muslimootaa 400 oli irratti ammoo saamichi raawwatamuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button