Halkan Dheerate: Kutaa 1ffaa

Addunyaan tun addunyaa waaniin isii namaa hin galle. addunyama tana keessa sooressi duniyaa waan godhu wollaales jira. addunyama tana keessa hiyyeessi jiruun cinqaa itti taatee waan godhu wollaaletu jira. gandi tokko ganda qananii, gandi biroo ganda rakkinaa, gandi kuun ganda dhukkubaa, kuun immoo ganda fayyaa fii nageenyaa, addunyaa tana jechi ittiin ibsan dhibaadha. waan addunyaa keessatti deemutti jiru hunda Rabbii tokkichatu harkaa qaba. nuti waan nuuf mul’attee fii waanuma argine qofarraa haasoyna.

 

Ganda jabbiin keessaa hin mar’anne. Ganda aarri tokkee malee heddumminaan hin aarre. Ganda laafaa madda galii takkallee hinqabne kana keessatti; aayyoon takka ilmaan ofii waliin; jiruu hiyyummaa hadhooytuu wajji  waldhaansoo jabduutti jirti. Guyyaa ganda namaa keessa deemtee da’oo warra sooreyyii qulqulleessiti. Waanuma san irraa argattuun ilmaan guddifatti. Abbaan Manaa isii kan dhagaa mukatti bu’ee ifaajee isaan bulfatus; shororkeeysummaan himatamee hidhaa eega bu’ee baatii 6 dabre. Ilmi isii kan hangafaa barumsa kutaa 12ffaa magaalaa roobeetti barata. Madda galii waan hin qabneef yeroo barumsaatiin ala kophee namaa haxaawaa galima achirraa argatuun barumsa barata. Gargaarsa Rabbiitiin barumsa kutaa 12ffaa xumuree boqonnaaf ganda maatiin isaa jiraatutti deebie. Yoo qe’ee maatii ofii gahee halaalarraa mana aayyoo ofii mil’atu imimmaan ija keessa dhaabachuu dide. Inni dura nama fiigichaan dhufee isa reebbatu eegaa ture. Garuu joollee karrarra teeysee boottu malee humaa hin argine. Manni ayyoo isaatis cinaa tokkoon kabaan irraa ka’ee cinaa tokkoon jidaarri diigamee daglatti qaari’ee mukaan irkifamee dhaabbata. iJoolleen qooqaan miidhamtee balbalarra teessee bootti. Yoo inni balbalatti achi dhihaatu obboleewwaan isaa keessaa kan irra jabaa Ahmad; “Ibroo…..”jedhee lafaa ol utaalee reebbachuuf gama isaa fiige. Ijoolleeen tuuwwanis imimmaan haqataa fiigichaan dhayxee itti maramte. Eega hanga boohan boohanii booda “Ayyoon hoo! Eessa deemte?” jedhee Ibraahim Ahmadiin gaafate. Ahmadis “sila hojii isii ni beeytaamii? Ganda namaa haxaayuuf deemte kaa! Har’a nu jalaa turtee beelofnee teennee isii eegutti jirra” jedheen. Ibraahim Imimmaan qabachuu dadhabe. Lafaa ol utaalee mana ol seenee waan aayyoon manaa qabduu lallaale. Qamboon dakuu lafatti gad gombifamtee jirti. Badaan dhaamaadha. Firaashni citaa kan irra ciisanis madaabaraan irraa ciccitee citaan keessaa harca’u mana ooyruu ayiiddaa fakkeessee jira. Midhaan bilchaataa mitii dheedhiinis mana hin jiru. Duuba Ibraahim haala jiru hunda obsa itti dhabee jilbaan lafatti gad kufe. Isaa jilbiiyfatee imimmaan dhangalaasuu; obboleewwan isaa balbalarra tataa’an “Aayyoo… Aayyoo tiyyaa…” jedhaa gammachuun burraaqaa haadha ofii simatan. Innis gammadee bakka jilbiiffatee ol utaalee fiigichaan gara aayyoo ofii qajeele. Haati ilmaaniitis  tasa niyyaa malee Ibraahimiin arginaan gammachuun  “ibroo kiyya..” jettee itti maramte. Ibraahimii fi Haati walitti maramanii booyan; ijoolleen immoo meeshaa haati baattee deemtuun keessa hanbaa nyaataa kan haati martee gaalteen fudhattee wal saamachuu eegalte.

 

 

Galgala san eega salaata ishaahii salaatanii booda badaa marsanii buna ibraahiim haadhaa bitee dhufe dhugaa haasawan, Ibraahimii fii haati ilmaanii hedduu haasawuu barbaadanis ijoolleen itti dhiisuu didde. ijoolleen oduu durii haati himtuuf baratanii waan biroo haasawa dhoorgan; haati ibraahim ijoolleef oduu durii gabaabduu himtee ijoollee raffiftee ilma isii ibraahim wajji haasawatti seente. ibraahim waahee abbaa isaa irraa gaafata. haatis ibraahim gaafatti. lameenuu humaa quba hin qaban, mana hidhaa dhaqanii gaafachuufis fageenya dheeraa irra jiran, mallaqa geejjibaa karaa dheeraa san ittiin deeman qabaachuu mitii, wanti nyaatanii dhuganuu rakkoodha. Qabeenyi harka haadhaa jiru, loon huhuqqoo garaan walitti dhommoqee eegayee fii ooyruu Abbaan Ibraahiim irraa hidhame malee hin jiru; ooyruu sanis haati Ibraahiim qotuu dhadhabdee obboleeysi abbaa ibraahiim guddataan irraa qotata. hanga takka namni isaan gargaarus guddataadha. “Lafa san Guddataan siif hin qonnee barana?” jedhee gaafate Ibraahiim “Sanyii kam nuu facaasa? eentu nuu arama, xaa’oon hoo? yoma facaafamee eentu haamee nuu ayiida?” jettee gaafii isaa gaafiin deebisteef haati ibraahiim; osoma akkanatti haasawan haati ibraahiim, “Aaah” jettee duyda qabattee cinaatti ciiste, ibraahiimis “maal aayyoo” jedhee lafaa utaalee ol qabe, “xiqqoo qabbanaatu na dhahee jira, homaa waan guddaa miti ibroo kiyya” jetteen, ibraahiim hedduu rifate, osooma haadha isaa irkisee taa’utti jiruu haati ibraahiim ” Ka’i Ibroo kiyya, gamanaan taa’i as biraa ka’ii” jetteen, ibraahim bakkuma taa’uu fuulli isaa jijjiirame, ijji isaa imimmaaniin guutamte, badaa qabsiifame keessaa muka tokko fuudhee of duubatti ibsee laale. wanti inni arge haalaan qalbii nama cabsa. Ibraahiim imimmaan qabachuu dadhabe. fuulli isaa imimmaaniin jiidhe. manni aayyoo isaa gama haati teettu saniin dhoqqeen irraa diigamee jira. haati haga humna isiitiin waan dandeettuun qaawwa hunda cuqqaaltee waan san bira dabree dhufu duyda ofii itti aansitee ilmaan isii qabbanarraa ittisti. woy yaa haadha. haadha jechuun akkana. ofii qabbanaan miidhamaa ilmaan ofii tiyfatti. miidhama ilmaan isii malee miidhamni isii itti hin mul’atu. haala isiin keessa jirtu ibraahiim hardha argus, isiin haaluma kana keessa jiraatti. ibraahiim imimmaaniin fuula of dhiquu malee homaa waan takkas dubbachuu dadhabe. haati ibraahimis dhukkubbiin irraa laafnaan kaatee isa sossobuu eegalte. osoma isaan wal sossobutti jiran, ganda ollaa isaaniitii iyyi dhagahamte. ibraahiimiifii haati ibraahimis lafaa ol utaalanii fiigichaan gara ganda ollaa qajeelan…
itti fufa in shaa ALLAAH

 

Comments
Loading...