header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Halleellaa Boombii magaalaa Gaazaa keessatti raawwatameen namoonni shan ajjeefaman

Haleellaa Boombii galgala har’aa magaalaa Gaazaa keessatti raawwatameen namoonni shan kan ajjeefaman tahuu ministeerri fayyaa falasxiin beeksise. Namoonni sadi ammoo maadayanii hospitaala kan seenan tahuu Aljaziiraan gabaase.

Haleellaa kana qaamni raawwate hanga ammaatti kan hin beekkamin yoo tahu, dubbi himaan waraana Isra’eel waa’ee dhoohinsa Boombii kanaa quba hin qabnu jechuun Rooytersitti hime. Haata’u malee mormii falasxiinonni geggeessaa jiraniin dallanuudhaan Isra’eel lammiilee Falasxiin irratti tarkaanfii humnaa kan fudhataa jirtu tahuun ni beekkama. Jum’aa kaleessa qofa mormii daangaa Gaazaa irratti geggeeffame hordofuun waraanni Isra’eel dhukaasa Falasxiinota irratti baneen namoonni heddu kan miidhaman tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button