header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hamiid Muhammad Hidhaarraa Hiikame

Obboleewwan Muslimaa 19 galmee Khadiir Muhammad jalatti himataman keessaa tokko kan tahe, Hamiid Muhammad hidhaan waggaa shanii fi ji’a jahaa irratti murtaaye mina hidhaa Qaallittii kan ture yoo tahu, waggaa 3 oliif mana hidhaa keessa eega turee booda guyyaa hardhaa gad lakkifame.

Hamiid Muhammad fi Gaazexeessaa Khaliid Muhammad Mana hidhaa Qaallittii keessatti basaastota mootummaatiin tumamuun, Hamiid Muhammad miidhaa isa irra gayes bulchiinsi mana hidhaa Qiliinxoo yaala kan dhoowwe tahuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Obboleewwan muslimaa lamaan kunniin mana murtii ol’aanaatti ol’iyyannoon dhiheeffatan fudhatama argachuun akka lakkifaman murtaayee kan ture tahus, bulchiinsi mana hidhaa Qaallittii garuu seeraan ala hanga har’aa tursiisuun Hamid Muhaammad kan lakkise yoo tahu, Gaazexeessaa Khaliid Muhaammad ammoo kan gad hin lakkifamin tahuu gabaasni Raadiyoo Fitih irraa argame ni ibsa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button