header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Akhlaaqa

Haqqiin Haadhaa fi Abbaan ilmaan irraa qaban haalaan jabaata!

Islaamummaa keessatti haqqiin Haadhaa fi Abbaan ilmaan irraa qaban haalaan jabaata!

Rabbiin ilma namaa Haadhaa fi Abbaa ajajamuu fi isaan kabajutti jabeessee ajaje. Ajaja isaa kana yoo galmaan geesse Rabbirraa mindaa guddaa argatta.Yoo gattee fi balleesite immoo adabbitu jira.

وَوَصَّيْنَا الْإنْسانَ بوالدَيْه حَمَلَتْهُ أُمُّهُ وَهْنًا عَلى وَهْنٍ وَفصالُهُ في عامَيْن أَن اشْكُرْ لي وَلوالدَيْكَ إلَيَّ الْمَصيرُ (14)
“Namaafis haadha abbaa isaatti [tola akka oolu] dhaamnee jirra. Haati isaa dadhabbii irratti dadhabbii ta’uun isa baadhatte. Harma irraa gu’uun isaa waggaa lama keessatti. ‘Anaa fi haadhaa abbaa keetif galata galchi. Gahuumsi dhumaa gara Kiyya.’ [jechuun isa ajajne.]”(Suuratu Luqmaan 31:14)

Haadha abbaan kaafiroota osoo ta’anillee, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa, “isaaniif tola hin oolin, isaan miidhi.”hin jenne. Inumaa, “Addunyaa keessatti haala gaariin isaan waliin jiraadhu.” Jedhe.

Kana jechuun waan gaarii isaanitti ooluun, wanta badiin keessa hin jirre keessatti isaaniif ajajamuun isaan waliin jiraadhu. Garuu isaan wanta badaa akka kufrii, shirkii fi wantoota Rabbiin dhoowwe birootti yoo si ajajan, isaaniif tole hin jedhin, isaan hin hordofin. 
وَإنْ جاهَداكَ عَلى أَنْ تُشْركَ بي ما لَيْسَ لَكَ به علْمٌ فَلا تُطعْهُما وَصاحبْهُما في الدُّنْيا مَعْرُوفًا وَاتَّبعْ سَبيلَ مَنْ أَنابَ إلَيَّ ثُمَّ إلَيَّ مَرْجعُكُمْ فَأُنَبّئُكُمْ بما كُنْتُمْ تَعْمَلُونَ (15)

“Yoo isaan lamaan waan beekumsa itti hin qabne irratti akka natti qindeessituuf sitti qabsaa’an, tole isaaniif hin jedhin. Garuu duniyaa keessatti haala gaariin isaan waliin jiraadhu. Karaa nama gara Kiyya deebi’u hordofi. Eegasii deebiin keessan garuma Kiyya; waan isin dalagaa turtanis isinitti hima.”(Suuratu Luqmaan 31:15)

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button