header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Harargee Bahaa Aanaa Cinaqsanii fi Magaalaa Harar keessatti lolli geggeefamaa jira

Liyyuu Poolisiin Naannoo Somaalee Godina Harargee Bahaa Aanaa Cinaaksan keessatti ganama har’aa aradalee heddu weeraruun hawaasa nagayaa irratti dhukaasa banteen, namoonni heddu  akka ajjeefamanii fi namoonni kudhanii ol tahan ammoo kan madaayan tahuu gabaasni arganne ni ibsa. Namootaa guyyaa har’aa aanaa cinaaqsan keessatti wareegaman jidduu: Huseen Aadam arddaa darbigaa irraa, Abdii Umar Ali, Muusaa Ahmad fi Farhaan Rashiid araddaa Qaliigaa irraa tahuun beekameera.

Weerarri Liyyuu poolisiin raawwattu dhiheenya kana aanicha keessatti babaldhataa kan dhufe yoo tahu, yeroo ammaa gandoota Qobboo, Odaa fi Ulaanula jedhaman keessaa humnaan qubatanii jiraattota dararaa kan jiran tahuun beekkameera.

Gama biraatiin ammoo Magaalaa Hararitti dargaggoonni Oromoo heddu rasaasa poolisoota naannoo Harariitiin kan rukutaman akka tahe gabaasni arganne ni mul’isa. Bulchiinsi mootummaa naannoo Hararii lafa Oromootaa abbootii lafaa irraa buqqisuun, qaamota biraatiif dabarsee kennuudhaaf yaalii godheen mormiin kan uumame tahuun beekameera.

Lammiileen Oromoo dhiibbaa Bulchiinsi naannoo Harar isaan irratti raawwatu mormuun mormii ganama har’aa magaalaa Harar keessatti kan geggessan yoo tahu, poolisoonni naannichaa dhukaasa bananiin dargaggoota heddu madeessanii jiru. Waraanni Makkalaakayaa naannicha jirus Aanaalee Fadiis irraa ummanni akka hin birmanneef daandii cufee akka ture gabaasni arganne ni mul’isa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button