header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hawaasni Muslimaa guutuu biyyattii haleellaa Masjiidota irratti raawwatame balaalefftuun mormii jalqabe itti fufee jira

Haleellaa shororkeessitoonni naannoo Amaaraa Jum’aa dabre magaalaa Mooxaa keessatti raawwataniin, Masjiidota afur dabalatee qabeenyi hawaasa muslimaa heddu ibiddaan barbadaa’uu fi saamamuun eega dhagayamee booda, hawaasni muslimaa guutuu biyyattii keessatti dallansuu isaa ibsataa jira.

Haaluma kanaan hawaasni muslimaa hiriira guyyaa jaha dura jalqabe Jum’aa har’aatis guutuu biyyattii keessatti karaa nagayaatiin kan itti fufee jira. Haaluma kanaan magaalota guyyaa har’aa hiriirri guddaan keessatti geggeeffame jidduu, Naannoo Amaaraa magaalota Dasee, Waldiyaa, Dagaan, Harbuu, Marsaa, Baatee fi Boorana keessatti argamu.Naannoo Oromiyaa ammoo Adaama, Nageellee Arsii, Dambidoollo, Dalloo Mannaa, Baakko, Sulutaa, Ginniir, Jimmaa fi magaalota biroo heddu keessatti hiriirri geggeeffamaa jira.
Haaluma wal fakkaatuun naannoolee Somaalee fi Affaar fi naannoo Kibbaa magaalota heddu keessatti ummanni hiriira bahuun gocha muslimoota irratti raawwatame kana balaaleffataa jira.
Gama biraatiin ammoo akka biyyaalessaatti hiriirri Magaalaa Finfinnee keessatti dirretti bahuuf karoorfame yeroo biraatti dabarfamuun kan ibsame tahus, Jum’aa har’aa ummanni kuma dhibbatti lakkaahamu naannawa Masjiida Nuuritti hiriira guddaa kan geggeesse tahuun beekamee jira.

Haata’u malee gocha shororkeessummaa hordoftoonni amantaa Ortodoksii hawaasa muslimaa irratti raawatan kana, mootummaan naannichaa fi kan federaalaatis hanga ammaatti kallattiidhaan ibsa baasuun hin balaaleffanne.

Back to top button