header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Hidhattoonni Huusii Misaa’ela Baalastikii gara Sa’udii dhukaasan.

Hidhattoonni Husii Misaa’ila fegeenya dheeraa furguuggeffamu gara magaalaa guddoo Sa’udii kan tate  Riyaaditti dhukaasuu beeksiisan. Misaayilli loltoonni husii darbatan kun Buufata Xiyyaaraa magaalaa Riyaad keessatti argamu cinatti kan kufe tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Dubbi himaan hidhattoota Husii Aljaziiraaf akka himetti: Misaa’ila Burkan-H jedhamu kan fageenya kilomeetra 800 ol furguuggeffamu, Yaman irraa gara Sa’udiitti dhukaasuu hime. Itti dabaluudhaanis, misaayilli gara magaalaa Riyaad darbatan osoo hin kufiniin dura, fageenya kilomeetira 500 ol kan deeme ta’uu hime.
Ministeerri Ittisa Sa’udii misaa’ila Yaman irraa gara biyya isaanii dhukaafame qilleensa irratti fashaleessuu beeksise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button