OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Himatni namoota 63 kan sarbaminsa mirga namoommaa fi malaammaltummaan shakkamanii adda cituun ibsame

Abbaan alangaa waliigalaa Federaalaa ibsa har’a baaseen, himatni namoota 63 kan yakka malammaltummaa fi sarbaminsa mirga namoommaan shakkamanii dhimmi isaanii mana murtiitti ilaalamaa jiru addaan cituu beeksise. 

Dubbi himaan Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa Obbo Zinaabuu Tuunuu, namoonni 63 kunniin “namoota yakka malaammaltummaa, sarbama mirga namoomaa, ajjeechaa aanga’oota mootummaa ol’aanoo Waxabajjii 22, akkasumas hookkara Sidaamaafi Benishaangul Gumuz keessatti mudataniin wal-qabatee warra himatamani, Akkasumas warra yakka kana hogganuu keessatti gahee hin qabneefi qoodi yakka isaanii gadi aanaa ta’e qofa” jedhe.

 

 

Show More

...

Back to top button