header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hiriirri Mormii Godina Gujii Keessatti Guyyaa 3ffaatiif Itti Fufee Jira

Haaromfamuu hayyama dhaabbata MIDROC GOLD hordofuun mormiin godina gujii keessatti jalqabame hardha guyyaa sadaffatiif akkuma itti fufetti jira. Ganamaa hardhaa irraa jalqabee jiraattonni Aanaalee Dugdaa Daawwaa, Waadaraa, Gooroo Doolaa, Oddoo Shaakkisoo mormii gaggeessaa kan jiran tahuun beekame. Daandiin Finfinnee gara magaalaa Nageellee geessu kan cufame tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

Mormii ummataa kana ukkamsuuf humnoonni mootummaa jiraattota hidhaa kan jiran yoo tahu, keessattuu magaalaa Harqalloo fi Shaakkisoo keesaatti barattootaa fi jaarsolii biyyaa dabalatee namoonni heddu hidhamaniiru.

Gama biraatiin ammoo mormii ummata kana hordofuun dhimma haaromfamuu dhaabbata MIDROC ilaalchisee mootummaan naannoo Oromiyaa fi Felderaalaa kaleessa galgala ibsa baasaniiru. Hoogganaan Dhimmoota Kominikeeshiinii mootummaa naannoo Oromiyaa Dr Nagarii leencoo “Investimantiin kamiyyuu kan ummata miidhu tahuu waan hinqabneef, Mootummaan naannoo Oromiyaa waan ummata keenya miidhu hojii irra kan hin olchine tahuu hubachiisuu barbaanna” jedhe.

Itti aanaan Ministeera Albuudaa fi Gaazii Uumamaa Obbo Teedroos Gebra-Igzaaber “Waliigaltee warshaa Sookoo MIDROc Laga Dambii ummata osoo hin marisiisin haaromsun keenya dogoggora” jedha.

Barattoonni Yunivarsiitii Amboo haaromfamuu hayyama MIDROC mormaa kan jiran tahunis beekkamee jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button