OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hiriirri mormii guddaan arra Godina Arsii lixaa Magaalaa Seeroftaatti gaggeeffamaa oole

Abbootii amantaa dabalatee hiriira kanarratti Qeerroo fi manguddoonni naannichaatis hirmaatanii jiran.
Akkuma beekkamu Jum’aa kute(halkan December 20) naannoo Amaaraa godina Goondar magaalaa Mooxaatti Masjidni 4 shoorarkeessitootaan gubamuun ifa. Achiin duraas Caamsaa 15, 2010(akka lakkoofsa biyyaatti) irraa jalqabee Masjida 35 tu diigame.Masjidoota diigamaafi gubamaa jiran mormuuf hiriirri Koree Fala Barbaadduu Muslimaatiin yaamamee ture. Yaamicha kana owwaatuun hawaasni Muslimaa bakka jiruu ka’ee diddaa qabu mul’isaa jira. Hiriirri arra gaggeefame kunis nagayaan xumuramuu qindeessitoonni ibsan.

Tags
Show More

...

Back to top button
Close
Close