header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hogganaa KFO Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee namoonni 6 kan isa waliin hidhaman lakkifamuun gabaafame.

Torbee darbe keessa mootummaan hidhamtoota Siyaasaa fi Namoota dhiimma amantaan hidhamanii adabbiin irratti murteeffame fi dhiimmi isaanii mana murtiitti ilaalamaa jiru himannaan isaanii addaan citee akka lakkifaman murtaayuu Isiiniif gabaasuun keenya ni yaadatama.
Guyyaa hardhaa Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee hooggantootaa fi miseensonni paartii Kongirasii Federtaalistii Oromoo namoonni 6 kan lakkifaman tahuun beekame.
Namoonni guyyaa hardhaa lakkifaman

  1. Obbo Baqqalaa Garbaa
  2. Gurmeessa Ayyaannaa
  3. Addisuu Bullaallaa
  4. Dajanee Xaafaa
  5. Geetuu Gaarumaa
  6. Bayyanaa Rudaa fi
  7. Tasfaayee Liiban tahuu beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button