header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Hogganaan hidhattoota Ripablikii Afrikaa Jiddu Galeessaa mana murtii addunyaa (ICC)’tti dhihaate

Alfred Yakatom Ripablikii Afrikaa Jiddu Galeessaa (CAR)  keessatti hogganaa garee hidhattoota Anti-Balaka jedhamuun beekamuu kan ture yoo tahu,  muslimoota biyyattii irratti dararaa hamaa yakka dhala namaa fi yakka waraana raawwachuun himatamee mana murtii addunyaa Zaheegatti dhihaate. Mr Yakatom Jum’aa har’aa dhaddacha mana murtii ICC’tti eega dhihaateen booda himannaan 14 kan irratti baname tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

Himannaa kanneen jidduu December 2013 ““August 2104 yeroo jiru keessatti  qofa gareen Anti-Balaka ajaja Mr Yakatomin  muslimoota biyyattii irratti ajjeechaa, gudeeddaa, namoota dhabamsiisuu dabalatee yakkoota waraanaa fi dhala nama heddu raawwatee jira kan jedhu keessatti argama.  Manni murtii idil Addunyaa hardha eenyummaa himatamaa kanaa qulqulleessuun  himannaa irratti dhihaate eega dubbiseefii booda,  Mr Alfred Yakatom irraa yaada fuudhuudhaaf April 30/2019tti beellamee jira.

 

Alfred Yakatom bara 2015 Yakka duguuggaa sanyii fi daa’imman hidhachiisuun himatamee, Dhaabatni Mootummoota Gamtoomaniitiin qoqqobbiin kan irra kaahamee ture tahus, bara 2016 miseensa paarlaamaa biyyattii tahuun filatamee akka ture gabaasni arganne ni mul’isa. Haata’u malee ji’a lama dura paarlaamaa biyyattii keessatti dhukaasa banuu isaa hordofuun to’aannaa jala eega oolfamee booda, sabtii dabre mana murtii addunyaa  Neezarlaandis magaalaa Zaahegitti argamuuf dabarfamee kan kenname tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

Yakatom1

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button