header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Hogganaan Kuweeyt Sheikh Sabah Al-Ahmad Al-Jabir du’e

Manguddoon waggaa 91 Sheikh Sabah Al-Ahmad Al-Jabir yeroo dhihoo as dhukkubsatee Ameerikaa keessatti kan yaalamaa ture akka taheefi, guyyaa hardha Hospitaa Waraana Ameerikaa beekamaa kutaa Minnesotaa keessatti argamutti kan du’e tahuu gabaafame.
Sheikh Sabah Al-Ahmad Al-Jabir bara 2006 irraa eegalee waggaa 14’f Kuweeyt kan hooggane yoo tahu, sana dura ammoo waggaa 40 oliif ministeera haajaa alaa biyyatttii, akkasumas yeroo gabaabaaf mummicha ministeeraa biyyattii tahuun kan tajaajile tahuus odeeyfannoon ni addeessa. Sheikh Sabah keessumattuu hariiroo Keweeyt biyyoota alaa waliin qabdu bocuu fi hogganuun nama milkaa’e tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Haaluma wal fakkaatuun, Kuweeyt hoggansa Sheikh Sheikh Sabah Al-Ahmad Al-Jabir Al-Sabah jalatti baha jiddu galeessaa waraanaa fi walitti bu’iinsaan beekamu keessatti biyya tasgabbooftuu, rakkoolee naannichaa fi Idil addunyaa dippilomaasiin hiikuu keessattis biyya dhageettii fi kabajaa guddaa horatte tahuun beekamti.

Ji’oota muraasa dabran yeroo Sheikh Sabah Al-Ahmad Al-Jabir dhukkubsatee turetti, obboleessi isaa fi dhaaltuun gonfoo biyyattii Nawaaf Al-Ahmad Al-Sabah akkaatuma heera biyyattiitiin bakka bu’uun Kuweeyt hogganaa ture.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button